Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qotiyyoo ma.
GAO

1. sangaa qotiisaa. 2. sangaa korma hinta'in.

qottoo ma.
GAO

sibiila muka ittiin muran yookiin falaxan.

qottuu ma.
GAO

1. nama lafa qotee buluu. 2. maqaa jibamaa ormi (halagaan) Oromoo kutaa Harargee keessa jiraatu itti...

qotuu go.
GAO

1. bool'a itti baasuu. 2. maasii taasisuu. 3.qaama fixachiisuu, huqqisuu; Dhibee hamaan qaama nama q...

qoyquu
GAO

"qooquu" ilaalaa.

qoyxuu
GAO

"qooqxuu" ilaalaa.

qu' achuu go.
GAO

xixinneessanii falaxachuu, bocachuu; Jarri qoraasumaaf gumcuu ejersaa qu'atu.

qu'a ma.
GAO

gadi qabiisa, hacuuccaa.

qu'amuu go.
GAO

gadi qabamuu, hacuucamuu; Nama jala galeeti qu'ame.

qu'uu go.
GAO

1. gadi qabuu, hacuucuu; Abbaan ijoollee nigorsa malee hinqu'u. 2. harka aboottifatanii rukutuu. 3. ...

quba ma.
GAO

fiixee harkaa yookiin miillaa kan qeensi irratti margu; Haamtuun quba abbuudduu irraa mure.

quba qabaachuu go
GAO

waayee waan ta'ee beekuu, dhaga'uu yookiin arguu; Waayee horii keetii isatu quba qaba.

quba qabuu go.
GAO

kiristinnaa kaasuu, abbaa yookiin haadha kiristinnaa ta'uu; Firoomaaf jecha mucaa isaa quba qabe.

qubacha ma.
GAO

1. irra ta'iisa; Qubacha joobiraatu hirriba keessaa isa kaase. 2. iddoo tokkotti galiisa; Qubacha ja...

qubachiisuu go.
GAO

akka qubatu gochuu; Inni kanniisa gaagura lama qubachiifate.

qubachuu go.
GAO

1. irratti bu'anii taa'uu (keessattuu waan barrisuufi Allaattiin muka irra qubatte. 2. iddoo tokkott...

qubannaa
GAO

"qubacha"  ilaalaa

qubdiqqaa
GAO

"moggee" ilaalaa.

qubee 1 ma.
GAO

amartii qubaa; Fuudhaaf qubee intalatti keewwate.

qubee 2 ma.
GAO

arfii yookiin fidala; Qubee Oromoo, Qubee Amaaraa, w. k.f

Sponsors