Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
Qarmammeettii ma.
GAO

fuuldura, adqa dura; Qarmammeettii balbalaa irra taa'eeti qorri isa dhaye.

qaroo 1 ma.
GAO

agartuu ijaa; Namni qaroon jamee ifa hinargu.

qaroo 2 ad.
GAO

qeentee kan ta'e; Namni qotiyyoo qaroo qabu; namatti hidhatee qotachuu nidanda'a.

qaroo 3 ad.
GAO

nama keessaafi duuba dubbii beeku, gamna; Ijji qaroo dura bootti.

qaroo 4 ma.
GAO

hiriyaa namaa; Qaroo isaa waammateeti gabaa baye.

qarqaarrachuu go.
GAO

bira dhaabbachuu, gargaarrachuu, ukachuu; Abbaa dulloome qarqaarrachuu barbaachisa.

qarqaarsa ma.
GAO

rakkina oolcha, gargaarsa, uka; Ilmi qarqaarsa bare, ofiin buluun isa dhiba.

qarqaarsisuu go.
GAO

akka qarqaaru gochuu, gargaarsisuu, uksiisuu.

qarqaaruu 1 go.
GAO

ba'aa horii, konkolaataa, w.k.f., irratti fe'uu; Harreetti ba'aa qarqaaree gabaa baye.

qarqaaruu 2 go.
GAO

1. rakkina oolchuu, gargaaruu, ukuu; Haadha dulloomte ijoolleetu qarqaara. 2. wajjin hojjetanii rakk...

qarqara ad.
GAO

roga  yookiin  maddi qarqaaree isa guddisa wanta ta'ee; Qarqara baaqqee wula itti buufatu.

qarree 1 ma.
GAO

1 . lafa gartokkeen gadi jiddee jalli qilee ta'e, hallayyaa; Saani qarree irraa kufteeti caccabde. 2...

qarree 2 ma.
GAO

mallattoo durbi hinheerumne duuba mataa irratti qorattu, saadullaa, bantii; Inni durba qarree fuudhe...

qarreessa ma.
GAO

qarqara waanta ta'ee yeroo baay' ee faayaa (geexii) itti baasan,  qoodan;

qarreessifachuu go.
GAO

qarqara hodhisiifachuu.

qarreessisuu go.
GAO

akka qarreessu gochuu.

qarreessuu go.
GAO

qarqara gooduu yookiin hodhuu yookiin faayaa itti baasuu; Gatii gaarii yoo barbaadde qarqara gilgili...

qarruu 1 ma.
GAO

aannan hinitinne, mi'ii,  ayeetuu;  Aannan qarruu danfisaniiti ijoollee obaasu.

qarruu 2 ma.
GAO

Saphaphuu aannanii; Aannan qorre qarruu godhata.

qarsaa ma.
GAO

1. dhagaa sibiila irratti qaran; Qottoo doome qarsaatti rigeeti qara baasise. 2. dhagaa diriiraa kan...

Sponsors