Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
minaan ma.
GAO

waan namni nyaatu hunda, midhaan; "Minaan nyaatan malee, bishaan dhugan malee, aduun namaa hindhiitu...

mincaaruu go.
GAO

muka yookiin haxxee ciruu.

mindaa ma.
GAO

yeroo muraasaaf hojjetanii waan namaaf kennamu, gatii humna namaa.

mindaayaa ad.
GAO

nama hojii mindaan hojjechuu calqabe.

mindaayuu go.
GAO

mindaan namaa kennamuu.

mindeessuu go.
GAO

Akka mindaa argatu gochuu.

minnii ma.
GAO

raammoo adaadii yoo foon dheedhii nyaatan nama qabu, kan karaa taa'aa namaa bawu, heexoo, haanquu, k...

miqaayuu go.
GAO

jirbii fooyuu.

miqiqitii
GAO

"loloosoo" ilaalaa.

miqiqqirii ma.
GAO

lafee dugdaa keessaa isa tokko.

mirga 1 ma.
GAO

maddii yookiin bukkee (cinaa) dhaqna namaa, kan yammuu gara kaabaatti yookiin borootti garagalan gar...

mirga 2 ma.
GAO

bineensa akka arbaa, leencaa, w.k.f. ajjeesanii., irraa fudhatamu, yookiin kabaja isaa irraan dhufu....

mirga 3 ma.
GAO

waan tokko gochuuf dandeettii seeraan qaban; Hamma humna kee barachuuf mirga qabda.

mirgaa ad.
GAO

horii mirgisa elmamu.

mirgasaa ad.
GAO

kan mirgu yookiin barakatu.

mirgisiisuu go.
GAO

akka mirgu gochuu.

mirgisuu go.
GAO

mirgisa elmamuu.

Mirgoo 1 ma.
GAO

lafa ol ka'aa, kan maddiin hallayyaa.

Mirgoo 2 ma.
GAO

jibicha qotiisaaf gaye, eeffana, weeffana,reeffana.

mirguu go.
GAO

aannan baay'ee kennuu. 2.barakachuu,heddummachuu;Xaafiin yoo daakamu nimirga.

Sponsors