Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
137 Jechoota
iftee ma.
GAO

waan akka sanduuqaa qunnii irraa qophooftu kan mi'a xixiqqoo keessa keewwatan.

ifuu go.
GAO

ifa kennu.

igguu ma.
GAO

maqaa gosa Oromoo.

igir
GAO

"irig" ilaalaa.

ija 1 ma.
GAO

gumaa midhaanii yookiin mukaa.

ija 2 ma.
GAO

qaama ittiin waa ilaalan yookiin argan.

ija baachuu go.
GAO

1. ija godhachuu, naqachuu. 2. saalfachuu.

ija baasuu go.
GAO

1. maal naan jedhuu dhabuu, qaanii dhabuu. 2. firee yookiin buusaa godhachuu, naqachuu. 3. waan ta'e...

ija baduu
GAO

"ijaa baduu" ilaalaa.

ija bu'uu go.
GAO

1. namni namatti rifachuu. 2. ija hamaan ilaalamuu.

ija diimesuu
GAO

"ija baasuu 3' ilaalaa.

ija dubbii ma.
GAO

gumaa dubbii, dubbii beekumsa kennu.

ija godhachuu go.
GAO

1.ijji itti uumamuu. 2.wallaalummaa keessaa bawuu, karaatti galu. 3.firee godhachuu.

ija hin guunnee ad.
GAO

waan xiqqoo, yartuu.

ija hinfuunee ad.
GAO

tan hinqaanofne yookiin hinyeellofne.

ija irraa hafuu go.
GAO

hamaa irraa ooluu, hamaa jalaa bawuu.

ija jabeessa
GAO

"ija hinfuunee" ilaalaa.

ija jabeettii
GAO

"ija hinfuunee" ilaalaa.

ija kaasuu go.
GAO

1. dhagaan caalanii mul'achuu. 2. gabaa argachuu. 3.guddachuu.

ija kuulaa ad.
GAO

tan ija keessa bareedduu.

Sponsors