Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
hum di.
GAO

jecha wanta nama dinqu yommuu argan yookiin dhaga'an dhageessisan.

humbaachoo ma.
GAO

1. hidda baala isaa yeroo dubartiin deessu bishaan keessa cuubanii dugda ishee ittiin sukkuuman. 2. ...

humbaawoo
GAO

"humbaachoo" ilaalaa.

humbii ma.
GAO

funyaan arbaa.

humna galaanaa ma.
GAO

humna waraanaa keessaa kutaa tokko ta'ee kan galaana irra waraanu.

humna ma.
GAO

urufa mukti baay'atee itti marge, bosona.

humna qilleensaa ma.
GAO

1. jabeenya qilleensi yookiin bubbeen qabu. 2. humna waraanaa keessaa kutaa tokko, dhaabbata yookiin...

humna waraanaa ma.
GAO

loltoota biyya tokkoo kan mootummaan ajajee waraansisu.

humnan buleessa ad.
GAO

1. kan dhama'e dafqa ofiitiin bulu. 2. kan seera malee waan fe'e humnaan godhatu, abbaa humnaa.

humtuu
GAO

"homtuu" ilaalaa.

hunachuu
GAO

"unachuu" ilaalaa.

hunda 1 ad.
GAO

waawuu yookiin humtuu odoo hinhafiin, cufaa, mara; Yaa'ii irratti nama hundatu wal gaye.

hunda 2 da.go.
GAO

gara caalu, guutummaatti kan dhiyaatu; Inni hunda nyaate.

hunda 3 ma.dha.
GAO

namni tokkollee odoo hinhafiin; Hundatu deeme.

hunde lafaa ma.
GAO

bakka laftiifi samiin yookiin waaqni itti wal ga'an fakkaatu.

hunde qabachuu ad.
GAO

1.biqiltuu hundee qabdu. 2. bu'uura kan ta'e, dhugaa;Dubbii hunde qabu dubbachuun gaariidha.

hundee ma.
GAO

ejjeta biqiltuu kan lafa keessa oolee bishaaniifi cumaa lafaa fudhachuuf qarqaaru, Aramaan akka lamu...

hundeeffamuu go.
GAO

1.wanti ta'e hundee uummachuu. 2. wanti ta'e dhaaba yookiin calqaba godhachuu.

hundumaa ad.
GAO

hambisa malee, maruma; Ati hundumaa fuudhi.

hunduu ad.
GAO

waawuu odoo keessaa hinhafiin, martuu.

Sponsors