Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
haraama ma.
GAO

1.waan duudhaa keessatti jibbamu; Fira foonii wajjin rafuun haraama; Raqa nyaachuun haraama. 2. jech...

haraamummaa ma.
GAO

haraamuu ta'iisa.

haraamuu ma.
GAO

1.nama haraama dalagu yookiin hojjetu. 2. nama fira irra dhalatu.

haraaxaa ma.
GAO

liqaa yookiin liqii dhalli itti ida'amee abbaaf deebi'u.

harachuu go.
GAO

1 .  waan ta'e harkaan yookiin gundoon hammaarrachuu. 2. harataa qulqulleeffachuu.

haraddaa ma.
GAO

biyya handhuurri ofii itti buute, biyya abbaa.

haramaa 1 ma.
GAO

1.daggala yookiin marga midhaan yookiin ashaakiltii keessatti margu, aramaa. 2. waan bakka hinbarbaa...

haramaa 2 ad.
GAO

kan qulqullaaye, kan harame.

haramachuu go.
GAO

daggala yookiin marga maasii keessaa buqqifachuu. 2. dubbii nama hinmufachiifne laallatanii dubbachu...

haramamuu go.
GAO

aramaan keessaa baafamuu; Midhaan haramamuu.

haramanee ad.
GAO

nama garaa jabaatu, aramanee. 2. nama amantii hinqabne jedhamee yaadamu.

haramsiifachuu go.
GAO

aramaa oddoo yookiin maasa keessaa hinqqisiifachuu.

haramsiisuu go.
GAO

akka aruu gochuu.

haramtuu ad.
GAO

araa yookiin daggala kan buqqifte aramtuu; Aramaa garbuu haramtuutti kiraa kenne.

haramuu 1 go.
GAO

daggala yookiin marga midhaan yookiin ashaakiltii keessaa buqqisu 2.waan nama mufachiisu dhiisuu.

haramuu 2 go.
GAO

haxaa'amuu,  qulqullaa'uu.

harangamaa ma.
GAO

muka akka hidda kan qoree (qoraattii) qabu.

haraqee baasuu go.
GAO

jikita yookiin difdifa danfisanii dhugaa yookiin haraqee qopheessu

haraqee ma.
GAO

dhugaatii meeshaa addaatiin qophaa'u, kan dhugan nama macheessu.

Hararii ma.
GAO

1.sab-lammii keessaafi naaannoo isaa jiraatu, Adaree. 2. namoota afaan Hararii dubbatan.

Sponsors