Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
919 Jechoota
goobbuu ad.
GAO

1. lakkoofsaan kan baay'ee ta'e; Horii goobbuutu karaa kana darbe. 2. waan bakka tokkotti baay'ate, ...

goobee ma.
GAO

sirba gaafa masqalaa sirbamu.

goobuu go.
GAO

nafa godhachuu, furdachuu; Mirgoon kuni goobu malee hinkolaasin.

gooda ma.
GAO

qarqara yookiin fiixee uffataa ol dachaasann hodha; Qamisiin yoo dheerate gooda itti baasu.

goodaa ma.
GAO

lafa hinqotamin, kan mukas hinqabne, urufa.

goodamaa ad.
GAO

kan qarqarri yookiin fiixeen dachaa'amee hodhame; Daara goodamaa hundi hinjaallatu.

goodamuu go.
GAO

qarqarri yookiin fiixeen dachaafamee hodhamuu.

goodarree ma.
GAO

biqiltuu lafa akka sossootuu jirtu irra margu, kan hundeen isaa nyaatamu.

goodisiisuu go.
GAO

akka goodu gochuu.

gooduu go.
GAO

qarqara yookiin fiixee dachaasanii odhuu; Qoloo dheerate goodu.

goomachiisuu go.
GAO

akka goomatu gochuu.

goomachuu go.
GAO

qabeenya yookiin caala namaa jibbuu, hamaa namatti hawwuu yookiin hojjechuu; Jabaatanii hojjechuudha...

goomattuu ad.
GAO

dubartii qabeenya yookiin caala namaa jibbitu, tan hamaa namatti hawwitu yookiin hojjettu.

goomii ma.
GAO

jibba yookiin hammeenya caala, qabeenya yookiin jabeenya nama biraa arganii namatti dhaga'amu.

goommana ma.
GAO

baala oddoo keessa margu, kan affeelamee nyaatamu; Namni wallaalan nyaata goommanaa waan laayyee se'...

goomnada
GAO

"goommana" ilaalaa.

goomuu go.
GAO

jireenya gaarii jiraachuu, jireenyi namatti toluu.

goondaa
GAO

"gondaa" ilaalaa.

goorana ma.
GAO

mana yookiin bakkee, hoolonni yookiin re'oonni keessa bulan; Utuu jarri hinka'in hoolota gooranaa ya...

goorannoo
GAO

"goorana" ilaalaa.

Sponsors