Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
919 Jechoota
galaafatamuu go.
GAO

miidhaa guddaan irraan ga'amuu, ajjeefamuu.

galaalchuu go.
GAO

yeroo baay'ee dabarsuu, turuu.

Galaan ma.
GAO

gosa Oromoo.

galaana ma.
GAO

bishaan laga guutee irra danbali'u.

galaasuu 1 go.
GAO

kenna baay'ee kennuu, badhaasuu.

galaasuu 2 go.
GAO

akka malee miidhaa irraan gawuu.

galabaa ma.
GAO

1. midhaan akka qamadii yookiin garbuu yeroo haaman lafa irratti kan hafu, kan bakka bakkatti haaman...

galalee ma.
GAO

waan gogaa yookiin carqii irraa qophaa'ee midhaan itti naqatan, qalqallo yookiin karaxiitii.

galata argachuu go.
GAO

galatni namaa kennamuu, Waaqni siif haa kennu jedhamuu.

galata dhabeessa ad.
GAO

nama gaarii hojjetee galata hin arganne, kan Waaqni siif haa kennuu dhabe.

galata dhabeettii ad.
GAO

dubartii gaarii hojjettee galata hinarganne.

galata dhabuu go.
GAO

waan gaarii namaa godhanii galanni kennamuufii hafuu, tolaa hojjetanii Waaqni siif haa kennu odoo hi...

galata galchuu go.
GAO

nama waantolaa namaa ooleen Waaqni siif haa kennu jechuu yookiin waan Waaqni namaa godhetti gammadan...

galata ma.
GAO

waan namni yookiin waaqni namaa godhetti gammada, baga jecha.

galateeffachuu
GAO

"galata galchuu" ilaalaa.

galcha 1 ma.
GAO

1. waan ta'e akka galu gocha. 2. waan liqeeffatan yookiin ergifatan abbaaf deebisa.

galcha 2 ma.
GAO

deebii dubbii namni dubbateef kennan.

galcha malee dubbachuu go.
GAO

1. deebii odoo hin'argatin dubbachuu.2. dubbatanii fixuu yookiin dubbatanii dubbii cufuu.

galchaa ad.
GAO

1. kan waa galchu. 2. kenna wareeganii kennan.

galchisiisuu go.
GAO

akka galchu /galchitu/ gochuu.

Sponsors