Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qossoo ma.
GAO

rukuttaa xinneessanii rukutan (keessumattuu abootteedhaan).

qotaa ma.
GAO

bogongoo bishaan keessa yaa'u.

qotachiisuu go.
GAO

akka qotatu gochuu; Bokkaa warwarriin nama qotachiisa.

qotachisuu go.
GAO

1.bool'a ta'uu. 2. oyiruu yookiin maasii ta'uu. 3. huqqachuu yookiin gadi deemuu.

qotiisa ma.
GAO

1.lafa qotamaa kan maasii yookiin oyiruu ta'e. 2. lafa qota; Qotiisa garbuu fixateera.

qotiisa tokko ad.
GAO

lafa guyyaa tokko keessatti qotan, oolmaa tokko.

qotiyyoo ma.
GAO

1. sangaa qotiisaa. 2. sangaa korma hinta'in.

qottoo ma.
GAO

sibiila muka ittiin muran yookiin falaxan.

qottuu ma.
GAO

1. nama lafa qotee buluu. 2. maqaa jibamaa ormi (halagaan) Oromoo kutaa Harargee keessa jiraatu itti...

qotuu go.
GAO

1. bool'a itti baasuu. 2. maasii taasisuu. 3.qaama fixachiisuu, huqqisuu; Dhibee hamaan qaama nama q...

qoyquu
GAO

"qooquu" ilaalaa.

qoyxuu
GAO

"qooqxuu" ilaalaa.

qu' achuu go.
GAO

xixinneessanii falaxachuu, bocachuu; Jarri qoraasumaaf gumcuu ejersaa qu'atu.

qu'a ma.
GAO

gadi qabiisa, hacuuccaa.

qu'amuu go.
GAO

gadi qabamuu, hacuucamuu; Nama jala galeeti qu'ame.

qu'uu go.
GAO

1. gadi qabuu, hacuucuu; Abbaan ijoollee nigorsa malee hinqu'u. 2. harka aboottifatanii rukutuu. 3. ...

quba ma.
GAO

fiixee harkaa yookiin miillaa kan qeensi irratti margu; Haamtuun quba abbuudduu irraa mure.

quba qabaachuu go
GAO

waayee waan ta'ee beekuu, dhaga'uu yookiin arguu; Waayee horii keetii isatu quba qaba.

quba qabuu go.
GAO

kiristinnaa kaasuu, abbaa yookiin haadha kiristinnaa ta'uu; Firoomaaf jecha mucaa isaa quba qabe.

qubacha ma.
GAO

1. irra ta'iisa; Qubacha joobiraatu hirriba keessaa isa kaase. 2. iddoo tokkotti galiisa; Qubacha ja...

Sponsors