Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qorroo 1 ma.
GAO

lafa tabba ta'e; Qorrootti bayeeti tiksee waame.

qorroo 2 ad.
GAO

bishaan diilallaa'aa, kan dheebuu nama baasu.

qorruu go.
GAO

o'a dhabuu, diilallaa'uu; Eeleen yoo qorrite biddeena baakessiti.

qorsa 1 ma.
GAO

1 . urjii darbee darbee waaqa keessaa ifaa gara lafaatti bu'u; "Qorsi hoggaa bu'u lafa ibsa. 2. dhib...

qorsa 2
GAO

"qoricha" ilaalaa.

qorsee
GAO

"qorshee" ilaalaa.

qorshee ma.
GAO

cabaa buqqee yookiin qabee; Adurreedhaa qorsheetti  aannan qicu.

qorsiisuu go.
GAO

akka qoru gochuu.

qorsoo ma.
GAO

midhaa akaawame, akaayii; Qorsoo qamadii irra qorsoo garbuu wayya.

qorumsa ma.
GAO

1. gaaffii yookiin caaffata beekumsa namaa ittiin ilaalan, fatanaa. 2. rakkoo, gidiraa.

qoruu go.
GAO

irraa maaxuu, ijoo irraa soquu.

qorxii ma.
GAO

mi'a migiraa kan yeroo ateetee bulfatan marqaa itti baasanii nyaatan yookiin daakuu ittiin safaran; ...

qorxobbii ma.
GAO

aramaa fireen isaa (buusaan isaa) xaafii wajjin yoo daakame buddeena balleessu.

qoshaashaa
GAO

"xurii" ilaalaa.

qoshee ad.
GAO

waan gatii (faayidaa) hinqabne, hoffaa, hossee; Bunni qosheen gatii hinkaasu.

qoshee qoshee ma.
GAO

tapha ijoolleen quba walitti qonyeessitee taphattu yookiin waa kadhattu.

qosoo
GAO

"haanquu 1" ilaalaa.

qosoqqosamuu
GAO

"tuqamuu" ilaalaa.

qosoqqosuu
GAO

"tuttuquu" ilaalaa.

qossa'uu go.
GAO

dubbii barbaaduu, itti deddeebi'anii rukuchuu; Ijoollee qossa'uun amala balleessa.

Sponsors