Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qisuu go.
GAO

ija silimlimsuu, ija cabsanii nama laaluu; Ija qisuun balaa qaba.

qixaabira ma.
GAO

dubbii dhaaba hin qabne.

qixaabirsuu go.
GAO

akka dubbii waliin maku gochuu. qixaabi u go. dubbii mataafi miilla hinqabne haasa'uu, xibaaruu.

qixaaxa ma.
GAO

adaba kenna.

qixaaxachuu go.
GAO

adabachuu, qunxuxachuu.

qixaaxamuu go.
GAO

adaba argachuu.

qixaaxuu go.
GAO

adabuu, ari'uu.

qixeeffachuu go.
GAO

qopheeffachuu yookiin soneeffachuu; Namni hojii jaallatu laf jala qixeeffata.

qixeessa ma.
GAO

qopheessa yookiin soneessa; Qixeessa galaatu horii jalaa fixe.

qixeessisuu go.
GAO

akka qiIxeessu gochuu.

qixeessuu go.
GAO

qopheessuu yookiin soneessuu.

qixisuu
GAO

"quxisuu" ilaalaa.

qixxaa
GAO

"qiixxaa" ilaalaa.

qixxee 1 ad.
GAO

waan utu wal hincaalin iddoo lamatti hiramu; Lafa qixxeen qotadha.

qixxee 2 ma.
GAO

do'ii yookiin wal ga'ii.

qixxee 3 ad.
GAO

kan wal hincaalle; Ijoollee lamaanii daara qixxee bite.

qixxeeffacbuu go.
GAO

1. horii kaffalanii walakkaa  waan tokkoo kan ofii godhachuu; Sangaa an birr ii kumaan bite, birrii...

qixxeeffamuu go.
GAO

1. ija tokkotti ilaalamuu. 2. guuramanii dhumuu.

qixxeessa ma.
GAO

1. ija tokkoon ilaalcha.  2. hafa malee fixiisa.

qixxeessisuu go.
GAO

1. akka wal hincaalle goosisuu. 2.akka guuree fixu gochuu .

Sponsors