Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qashxii ma.
GAO

jimaa gatii qabu kan araada baasu.

qassoo ma.
GAO

dhagaa diriiraa, kattaa; Jaldeessi qassoott yaa'e.

qataruu go.
GAO

biilaa naqachuu; Dhaddeen biilaa qatarte.

qawwee ma.
GAO

meeshaa waraanaa yookiin lolaa kan mukaafi sibiila irraa qophaa'u, kan rasaasa dhukaasu; Qawwee beel...

qawweessa ma.
GAO

qaawa ilkaaniifi ilkaan gidduutti argamu.

qawwisa ma.
GAO

muka shankoora fakkaatu kan keessaa aangii qaawaa qabu, shambaqqoo; Qawwisaan ulullee ta'a.

qaxara 1 ad.
GAO

kan hinbilchaanne, kichuu; Baaqelaa qaxara yoo nyaatan garaa nama dhukkubsa.

qaxara 2 ma.
GAO

gocha qaxaruu, mindeessa.

qaxaroo
GAO

"beellama" ilaalaa.

qaxarsiisuu go.
GAO

1. beellama kennisiisuu; Beellama ooluu irra qaxarsiisuu wayya. 2. akka mindeessu yookiin gatiidhaan...

qaxaruu go.
GAO

beellama kennuu; Nama qaxaranii hafuun balleessaa guddaadha. 2. gatiidhaan nama bulchuu, mindeessuu;...

qaxxaamura ma.
GAO

karaa gabaabaa naannoo hinqabne, dalgee; Qaxxaamura yoo deeman dafanii hindadhabani .

qaxxaamuraa ma.
GAO

bineensa daggalaa, yeroo baay'ee waraabessa.

qaxxaamurfachuu go.
GAO

naannoo ofiitti dabarfachuu.

qaxxaamursuu go.
GAO

wal irra dabarsanii kaa'uu.

qaxxaamuruu go.
GAO

1. qaxxaamura deemuu. 2. fuuldura darbuu; Horii baduuf karaa qabate suuta jedhaniiti qaxxaamuru.

qaxxee ma.
GAO

gosa qamadii kan akaawiidhaaf jecha facaafatan.

qaxxisa ma.
GAO

suuta deemsa; Qaxxisa jaarsaatu lafanutti dhiisise.

qaxxisiisuu go.
GAO

akka qaxxisu gochuu.

qaxxisuu go.
GAO

dhokatanii suuta eemuu; Hattuun qaxxiseetuma balbala jala ga'e.

Sponsors