Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qamaxxala ma.
GAO

dafanii muriisa.

qamaxxaluu go.
GAO

1. humnaan muranii lafa buusuu. 2. ariitiin cuffachuu.

qambaa gochuu go.
GAO

1. garaadhaan jaallatanii dhungachuu. 2. qarxam godhanii cabsuu; Iddoo shanitti shankoora qambaa god...

qambara ma.
GAO

mi'a qotiisaa kan qotiyyoota ittiin walitti camadan, waanjoo.

qamisii ma.
GAO

1.uffata dubartii kan mudhiin yeroo baay'ee shinshinii qabu. 2. uffata dubartii kan qomaa hamma jill...

Qammana ma.
GAO

1.aannan raafamee dhadhaan keessaa baye, areera; Deegni deega hojjete qammana hinqquufu, namni yaraa...

qammanaa ad.
GAO

kan qallllllana godhate; Aannan qammanaan xiraa qaba.

qammasa ma.
GAO

mi'aawa wanta ta'ee arrabaan ilaala, dhamdhama; Qammasa dhiisiitii sirriitti nyaadhu.

qammasamuu go.
GAO

mi'oofni wanta ta'ee arrabaan laalamuu, dhandhamamuu.

qammasiifachuu go.
GAO

qammasa ilalchifachuu; Farsoo kana nama beekumsa qabu qammasiifadhu.

qammasiisuu .go.
GAO

akka qammasu gochuu, dhandhamsiisuu.

qammasuu go.
GAO

1. camii arrabaan ilaaluu. 2. xinneessanii nyaachuu; biddeena qammaseetuma dhiise.

qamphara
GAO

"qambaraa" ilaalaa..

qamxal gochuu go.
GAO

tokkumaan dhahanii irraa buusuu; Muka qottoodhaan qamxal godheeti jigse.

Qanani'aa ad.
GAO

kan jireenyi itti tole.

qanani'oo ma.
GAO

qabeenya baay'ee, qananii.

Qanani'uu go.
GAO

kunuunsa yookiin qananii argachuu; Namni qanani'u hiyyeessa hinsateeffatu.

qananii ma.
GAO

guddina yookiin j ireenya gaarii, kunuunsa gaarii; Intalli,qananii bishaan jige hinkaaftu.

qananiisuu go.
GAO

gar malee koorsuu; Namni farda qananiisu irraan gadeeti irraan olee hinyaabbatu.

qanansiifamuu go.
GAO

garmalee koorfamuu.

Sponsors