Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
muudaa ad.
GAO

kan muudu; Muudaa ganamaa.

muudachuu go.
GAO

1.  dhadhaa addaan of  tuquu; Dhadhaa muudatee gabaa baye. 2. dhadhaa gar malee dibachuu; Maal ija...

muudama ma.
GAO

1. gar malee dhadhaa dibama; 2. ergaa tokko bakkaan gawuuf dirqama fudhacha.

muudamuu go.
GAO

1. gar malee waa dibamuu; Dhadhaa muudamteeti ijatti gadi baqe. 2. ergaa tokko bakkaan gawuu dirqama...

muudanii ma.
GAO

qonnaa keessatti mata duree deebii qottootaaf qotamu, moxobii.

muuduu go.
GAO

1. waan akka dhadhaa itti dibuµ. 2. garmalee dhadhaa dibuu. 3.akka baatuu ta'uuf filuu.

muujalee ma.
GAO

1. gosa tafkii kan gogaa miillaa urtee seentu, muuyalee. 2.dhortuu, kan namaan jiraattu.

muujjaa ma.
GAO

gosa margaa dhedheeraa kan lafa gabbataatti margu, yeroo baay'ee kan horiin nyaattu.

muummee ma.
GAO

1. bakka bishaan burqu. 2. bakka waan tokko irraa ka'u; Muummeen Hawaasi 'eessaa?

muusa'uu go.
GAO

hirriba dhabiisa irraa kan ka'e ijji walitti adeemuu.

muusessuu go.
GAO

akka muusa'u gochuu; Buna waan hindhugneef muusa'e.

muusii ma. dha.
GAO

dadhabbii yookiin dawwina qaamaa kan qabata araada yookii hojii cimina qabuun dhufu.

muusoo
GAO

"muusii" ilaalaa.

muuxa ma.
GAO

qola bofa irraa bayee lafa bu'e, qola bofaa.

muuxaa ad.
GAO

horii kotteen yookiin eegeen addaatu.

muuxachiisuu go.
GAO

akka muuxatu gochuu.

muuxachuu go.
GAO

1. qola of irraa baasuu; Kana bofatu muuxate. 2. bifni yookiin jireenyi namaa fooyya'uu, jirun namat...

muuxata bofaa
GAO

"muuxa" ilaalaa.

muuxoo
GAO

"mushurraa 2" ilaalaa.

muuxuu go.
GAO

akka muuxatu gochuu.

Sponsors