Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
many'ee ma.
GAO

kutaa miillaa kan sarbaa gadi jiru, kan qubaafi korony'ooni irratti margu; Manyee qotiyyoo affeelani...

manyaqaa ad.
GAO

dubartii dhiira yookiin dhiira dubartii argachuuf haramalee. jobobi'u, fedhu.

maqa dhabeessa ad.
GAO

waan hintaane hojjechuudhaan kan maqaan isaa bade, kan maqaan xureeffame.

maqa ma.
GAO

1. karaa irraa gora, dogoggora. 2. hojii cubbuu yookiin hammeenyaa; Maqa namatti hojjechuun haaloo u...

maqa qabeessa ad.
GAO

nama beekaa, kan yaada cimaa qabu, kan ulfina guddaa qabu.

maqaa baasuu go.
GAO

maqaa itti moggaasuu; Mucaa kanaaf maqaa baasi. 2. tola hojjetanii maqaan irraa beekamuu. 3. abalu w...

maqaa baleessuu
GAO

"maqaa  baasuu  3"  ilaalaa.

maqaa dhabuu go.
GAO

maqaan nama baduu, kabaja dhabuu.

maqaa gatuu go.
GAO

maal naan jedhuu wallaala jiruu hintaane hojjechuu. 2. maal naan jedhuu ilaallachuu dhiisuu.

maqaa irra kaa'uu
GAO

"maqaa baasuu 3"ilaalaa.

maqaa ma.
GAO

moggaasa namaaf yookiin uumamaa hundaaf bawu; Maqqaan kee eenyuu? 2.yaraa hojjechuudhaan kan namaaf ...

maqaa maaliif ma.dha.
GAO

qabata maaliif, qabata kamiif; Maqaa maaliif horii na dhowwatee?

maqala ma.
GAO

muka haalbee yookiin muka billaa.

maqasii ma.
GAO

meeshaa qaramaa kan walitti hidhame, kan yammuu wal irra qaxxaamuru waan isa gidduu gale muru.

maqasiisuu go.
GAO

akka maqasu gochuu.

maqasuu go.
GAO

maqasiidhaan muruu.

maqsiisuu go.
GAO

akka maqa hojjetu gochuu.

maqsuu go.
GAO

karaa irraa jallisuu, gara mirgaa yookiin bitaatti jallisuu.

maquu go.
GAO

waan seeraan ala ta'e hojjechuu, namatti yaraa ooluu.

mar'a ma.
GAO

1. sagalee loonii, hoolaa, re'ee, w. k.f . ; "Haati reettii mar'a beekti." 2. sagalee guddaa, iyya

Sponsors