Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
makrajii
GAO

"marrajii" ilaalaa.

makshuuta ma.
GAO

ibsaa mooraafi oyaa irraa hojjetamu.

mala baasuu go.
GAO

mala namaa kennuu, dubbii hiika ta'u kennuu.

mala barbaaduu go.
GAO

akkaataa rakkina ittiin hiikan yaaduu, mala dhawuu.

mala'uu go.
GAO

malaan keessaa yaa'uu.

malachuu go.
GAO

tooftaa, baafachuu yookiin mala rakkina tokko keessaa nama baasu yaaduu. mala dhawuu mala barbaaduu ...

malakata afuufuu go.
GAO

waan soba ta'e dabarsuu, sobuu; Malakata afuutuun kabaja nama dhabsiisa.

malakata ma.
GAO

faaggaa fagoodhaa ittiin wal waaman, xurumbaa.

malakkaa ma.
GAO

meeshaa haraqee ittiin dhugan, kan gosa dhagaa yookiin gaafa horii irraa hojjetamu.

malchiisuu go.
GAO

akka malu gochuu.

malee 1 hi.
GAO

maqaa lama kan walitti fiddu; Tolaa malee Gammachuun hindhufne.

malee 2 da.go.
GAO

jecha gocha ibsu; Inni yeroo malee dhufe.

malkaa ma.
GAO

1. dhooqa bishaan keessa yaa'u; Malkaa kamii bishaan waraabbatuu? 2 bakka ittiin laga ce'an; "Hiriya...

malkata
GAO

"mallattoo" ilaalaa.

malkii
GAO

"dhaaba" ilaalaa.

mallakkaa "
GAO

malakkaa" ilaala.

mallakkee
GAO

"malakkaa" ilaalaa.

mallatteessuu go.
GAO

mallattoo irra kaa'uu.

mallattoo ma.
GAO

waan nama tokkoof dhaabbatu, kan waraqaa irratti mul'atu; Yeroo ammaa xalayaa kan dhugoomsu chaappaa...

maltee ma.
GAO

1.nama mala beeku, haxxee. 2. namatti waan badaa kan 'oolu; "Maltee at.i natti yaaddu beeka, bada ga...

Sponsors