Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
lamxii ma.
GAO

dhibee gogaa namaa luqqisee addeessu.

lamxooftuu ad.
GAO

kan lamxiidhaan luqqate.

laph gochuu
GAO

"lab gochuu" ilaalaa.

laphee ma.
GAO

1. nafa harmi rratti argamu; Laphee irra rukutee jennaan hafuurri cite. 2. onnee; Yoo laphee qabaatt...

laphee qabaachuu go.
GAO

jagna ta'uu, sodaachuu dhiisuu; Dhiirri laphee qabu hinsodaatu.

laqam gochuu go.
GAO

harkaan yookiin afaaniin butuu,qolachuu; Sareen foon na harkaa laqam godhe.

laqoo ma.
GAO

marga kichuu kan reef margu, calee.

lasee ad.
GAO

1.timboo isa gubaa hinta'in; Timboo lasee. 2. kan yawuttii tuqan hinjabaanne.

lashee 1
GAO

"lasee" ilaalaa.

lashee 2 ma.
GAO

Dhibe darbee darbee ka'u, kan nama irraa namatti darbu.

lata ma.
GAO

1. magarsuu mukaa,kan dhaqna lukaa yookiin damee irraan eda'amu; Lata caatii cabsanii gurguru. 2. sa...

lataa 1 ad.
GAO

kan lata (latii) qabu.

Lataa 2 go.
GAO

horaa! dagaagaa! (nama baay'ee yookiin nama ulfina kennaniif ittiin ebbisuudhaaf jedhama.)

latii go.
GAO

hori! dagaagi! (eebbisuudhaaf kan Jedhamu.)

lattuu ad.
GAO

tan hortu, tan qaccee dabarfattu.

latuu go.
GAO

1.lata godhachuu. 2. sanyiin ofii darbuu, dagaaguu, baay'achuu; Dhala dhalaa arguun latuudha.

lawuzii ma.
GAO

waan akka ija baaqelaa fakkaatu, kan ijji isaa biyyoo keessatti hidda irratti wal horu, akaawamee ka...

lawwee 1 ad.
GAO

(mormaaf) dheeraa; Nama morma lawwee sirbii irraa tola.

lawwee 2 ma.
GAO

xiyyaa.

layoo ma.
GAO

mooqa qal'aa yookiin shoorbaa garbuu, omborii, w.k.f. irraa hojjetamu.

Sponsors