Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
ifachiisuu . go.
GAO

akka ifatu gochuu.

ifachuu go.
GAO

1. dheekkamsaan ori'uu. 2.sagalee j ibbaatiin namni namatti dubbachuu.

ifatamuu go.
GAO

1. dheekkamsaan ori'amuu. 2. sagalee jibbaatiin namni namatti dubbachuu.

iftaan ma.
GAO

guyyaa borutti aanee dhufu, bori duuba.

iftee ma.
GAO

waan akka sanduuqaa qunnii irraa qophooftu kan mi'a xixiqqoo keessa keewwatan.

ifuu go.
GAO

ifa kennu.

igguu ma.
GAO

maqaa gosa Oromoo.

igir
GAO

"irig" ilaalaa.

ija 1 ma.
GAO

gumaa midhaanii yookiin mukaa.

ija 2 ma.
GAO

qaama ittiin waa ilaalan yookiin argan.

ija baachuu go.
GAO

1. ija godhachuu, naqachuu. 2. saalfachuu.

ija baasuu go.
GAO

1. maal naan jedhuu dhabuu, qaanii dhabuu. 2. firee yookiin buusaa godhachuu, naqachuu. 3. waan ta'e...

ija baduu
GAO

"ijaa baduu" ilaalaa.

ija bu'uu go.
GAO

1. namni namatti rifachuu. 2. ija hamaan ilaalamuu.

ija diimesuu
GAO

"ija baasuu 3' ilaalaa.

ija dubbii ma.
GAO

gumaa dubbii, dubbii beekumsa kennu.

ija godhachuu go.
GAO

1.ijji itti uumamuu. 2.wallaalummaa keessaa bawuu, karaatti galu. 3.firee godhachuu.

ija hin guunnee ad.
GAO

waan xiqqoo, yartuu.

ija hinfuunee ad.
GAO

tan hinqaanofne yookiin hinyeellofne.

ija irraa hafuu go.
GAO

hamaa irraa ooluu, hamaa jalaa bawuu.

Sponsors