Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
hedduu ad.
GAO

kan baayi'na baay'ee.

hededa ma.
GAO

lata keessi gad dhooqee garqarri ol Jedhe yookiin tabba ta'e,cina lagaa.

heduu go.
GAO

qalbiin yaadu waan ta'e barbaaduu, kajeelu.

heebba argachuu
GAO

"heebbifamuu" ilaalaa.

heebba fudhachuu
GAO

"heebbifamuu" ilaalaa.

heebba ma.
GAO

waan gaarii nama hawwa eebba; Maanguddoon heebba yoo hedde waan gaan hojjedhu.

heebbifachuu go.
GAO

waan gaarii hawwachuu, heebba ofiif kennachuu, eebbifachuu; Cidha irratti  abbaatu heebbifata gatii...

heebbifamuu go.
GAO

1. waan gaariin namaa ha'a 2. gatii malee waan bitan irratti namaa ida'amuu.

heebbisa ma.
GAO

1.heebba enna, eebbisa. 2.gatii malee waan gurgurame irratti ida'a.

heebbisiisuu go.
GAO

akka heebbisu gochuu.

heebbisuu go.
GAO

1. waan gaarii akka argatan namaa hawwuu, eebbisuu. 2. kan bitani irratti namaa ida'uu,  eebbisuu.

heeboo
GAO

"eeboo" ilaalaa.

heefa ad.
GAO

kan humna hinqabne,dadhabaa, reeffa, yaraa.

heela 1 ma.
GAO

beekumsa yookiin gamnummaa.

heela 2
GAO

'eela 2" ilaalaa.

heeluu go.
GAO

aariidhaan gubachuu.

heena ma.
GAO

1.hawwa, inaaffaa yookiin kajeellaa waan ta'ee. 2. heera nama wajjin dhalatu.

hejjechiisuu go.
GAO

akka dhaabatu yookiin ijaajju gochuu.

hejjechuu go.
GAO

dhaabbachuu yookiin lukaan iddoo tokko ijaajjuu; Horiin mooraa dhoqqaaye keessa hejjechuu hinsarman.

hejjeta ma.
GAO

1. akkaataa wanti ta'e itti dhaabbatu, dhaabbina yookiin dhaabbata, ejjeta. 2. firooma yookiin dhalo...

Sponsors