Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
harooressa ma.
GAO

1.maqaa muka gammoojjii kan yeroo baay'ee ulee irraa muratan. 2. ulee shimala fakkaatu, kan ijoo baa...

harqoota ma.
GAO

muka morma gateetti sangootatti hidhanii ittiin qotan, waanjoo yookiin qanbara (qanbarii).

harquu 1 go.
GAO

koqaa boowuu, haquu.

harquu 2 go.
GAO

mallattoo gochuu.

harraa'uu go.
GAO

harrii biqilchuu, harriin namatti bawuu.

harraa'uu2 go.
GAO

akka harree ta'uu, yaaduu dadhabuu.

harraaba ma.
GAO

waan ta'e harrabaan haxaawa,gondolcha arraaba.

harraabaa ma
GAO

fooya jirbii warshaatti qophaa'u.

harraabbachuu go.
GAO

ofiif arraabuu. 2. mi'eeffachuu.

harraabsifachuu go.
GAO

1.akka arraabamu gochuu. 2. itti maksiisuu, Dammatti bishaan harraabsifate.

harraabsisuu go.
GAO

1 akka arraabu gochuu waa itti maksiisuu; Farsootti damma harraabsise.

harraabuu go.
GAO

waan ta'e harrabaan haxaawuu, arrabaan mi'a laalu.

harraagecha
GAO

"harraagessa" ilaalaa.

harraagessa ma.
GAO

allaattii gurraacha, kan mataan isaa irra adii, arraagessa.

harraagoo
GAO

"harraagessa" ilaalaa.

harraawuu
GAO

"harraa'uu 1" ilaalaa

harraayuu
GAO

"harraa'uu 1" ilaalaa

harraba abiddaa ma.
GAO

fiixee abidda boba'uu.

harraba ma.
GAO

1.qaama afaan keessaa kan dubbiifi nyaata qarqaaru; Yommuu midhaan nyaatu tasa harraba of ciniine. 2...

harrabsuu go.
GAO

dubbii  gadhee  yookiin waan nama aarsu namaan jechuu, maqaa namaa balleessuu, arrabsuu.

Sponsors