Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
fonqolchuu go.
GAO

1 . humnaan waan ta'e garagalchuu; Maarashaa haaraadhaan fonqolchee qote. 2. humnaan taayitaa irraa ...

foo'uu
GAO

"foohuu" ilaalaa.

fooha 1 ma.
GAO

walitti maxaari'a.

fooha 2 ma.
GAO

keessaa qobaatti baasa.

foohaa ma.
GAO

1. hidhaa yookiin funyoo fooyame. 2. jirbii dhahamuuf qophaa'e; Foohaa biteeti daara dhoofsifate. 3....

foohachuu 1 go.
GAO

1. walitti maxaari'achuu. 2. jirbii daaraaf  qopheeffachuu.

foohachuu 2 go.
GAO

qobaatti baafachuu.

foohamuu 1 go.
GAO

walitti maxaari'amuu.

foohamuu 2 go.
GAO

keessaa qobaatti baafamuu.

foohuu 1 go.
GAO

1. walitti maxaari'uu; Hidhaa hoolaa doobbii irraa foohe. 2.jirbiin akka daara ta'utti qopheessuu; G...

foohuu 2 go.
GAO

qobaatti baasuu,filuu.

foolachuu go.
GAO

1. dhalaaf oliifi gadi miixachuu. 2. oliifi gadi wuxxirfachuu.

foolii ma.
GAO

urgaa yookiin xiraa. funyaanitti dhagahamuu; Fooliin shittoo nam tokko tokko mataa bowwaafachiisa.

foolisii ma.
GAO

loltuu nageenya ummataa 'eegdu, poolisii; Foolisiin yoo hattuu argite qabuu hindhiiftu.

foollee 1 ma.
GAO

seera Gadaa keessatti gulantaa dabballeetti aanu.

foollee 2 ad.
GAO

uraa bal'aa; Dallaan foollee yoo godhate yeroodhaan deebisuu barbaachisa.

foon ilkaanii ma.
GAO

foon ilkaa gidduutti argamu, biqilu, irgoo; Foon ilkaanii tumatte.

foon ma.
GAO

1. qaama lallaafaa keessattuu kan horii qalamee; Biyya kanatti foon fardaa hinlagatama. 2. nama dhii...

foon namaa ad.
GAO

waan lagatamu,hirmii; "Foon namaa natti haata'u", jedheeti kakate.

foonaa
GAO

"mooraa" ilaalaa

Sponsors