Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
yakkamuu go.
GAO

badiin namatti hojjetamuu,cubbamuu; Jaarsi nama yakkame kiisisa.

yakkatuu ad.
GAO

dubartii yakki itti hojjetame. 2. tan yakka hojjette; Isheen mucaa namaa gurguratte, yakkamtuudha.

yakkisiisuu go.
GAO

yakka hojjechiisuu.

yakkuu go.
GAO

badii namatti hojjechuu, cubbuu namatti ooluu; Kan yakku odoo hintaane, kan yakkamutu haaloo qabata....

yammuu da.go.
GAO

yeroo, oggaa, ennaa; "Yammuu horiin gadoodoliif harreen hindheeddi"

yandoo ma.
GAO

oobaguddaa.

yaraa ad.
GAO

kan badaa ta'e, gaarii kan hinta'in. waan yaraa hinhojjetin. 2. waan xiqqaa, kan humna hinqabne; Ofi...

yaracha ma.
GAO

yaraa ta'iisa ,xiqqaacha.

yarachuu go.
GAO

yaraa ta'uu, xiqqaachuu; Raammoo wayiitu garaa jiran se'a, mucaan kun yarachuu qabe.

yareenya ma.
GAO

1.humna dhabiisa, xiqqaacha, dadhabbii qabeenya. 2. badaa ta'iisa;"Galanni baya cubbuu haaloo baya y...

yaroo
GAO

"yeroo1" ilaalaa.

yarsuu go.
GAO

badaa yookiin yaraa taasisuu. 2. xinnoo taasisuu; Midaan itti yarseeti huqqise.

yartuu ad.
GAO

kan xinnoo ta'e; Qalqala yartuutti midhaan hammaareef. 2. xaamii kan hinqabne, salphoo, tuffatimtuu;...

yatima ma.
GAO

nama abbaafi haadha hinqabne;Yatimni waan guddisa baduuf amala bada.

yatoo ma.
GAO

mandhee yookiin gurra eeboo; Tumtuu gaariin yatoo eeboo hindhiphistu.

yawuu da.go.
GAO

yeroo sana, yammuu, oggaa; Yawuu ati dhufte, inni qaata rafe.

yayyii
GAO

"yeeyyii" ilaalaa.

yebboo ma.
GAO

muka guddaa kan biyyoon bakka rafiitii akka hinjigne ittiin ittisan, gulantaa, yabboo.

yee 1 je.
GAO

sagalee waamichaaf deebii ittiin kennan;Gammachuu? yee!

yee 2 hi.
GAO

haata'u malee, garuu,w.k.f.; Yee, ati maal taate?

Sponsors