Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
Wabaa ma.
GAO

holqa dhakaa kan namoonni dur keessa jiraatan.

wabaxa ma.
GAO

marqaa (shuuroo) dubartii deessuu marqamu;Wabaxa omborii deessuudhaa qopheessu.

wabayoo ma
GAO

miciree yookiin muka gabaabduu; Wabayoo mureetan dallaa ijaarradhe.

wabii ma.
GAO

nama namaa dhaabbatu yookiin nama rakkina nama oolchuuf. namaa darbu, kan bakka bu'ee namaaf gaafata...

waca simbiraa ma.
GAO

yeroo simbirri waccu, ganama baru, barii barraaqaa.

waca.ma.
GAO

wal dhaggeeffacha dhabanii walitti iyya; Hachaayaan waca guddisa.

waccisiisuu go.
GAO

akka wacu (waccu) gochuu.

waccisuu go.
GAO

walitti iyyisiisuu, wal dhaggeeffachuu dhabsiisuu.

waccuu 1 ma.
GAO

uffata, wayyaa.

waccuu 2 ad.
GAO

nama wacu, kan waca baay'isu.

waciitii ma.
GAO

mi'a suphee kan waan akka marqaa itti baafatan; Baaduu waciitiitti buufatee dhuge.

wacuu go.
GAO

utuu dubbatanii walitti iyyuu, wal dhaggeeffachuu dhiisuu; Oggaa isaan wacan Inni manaa baye.

wadaaja ma.
GAO

hiriyaa garaa kan waan garaa itti himatan. 2. ayyaana dhibaayyuu qopheeffatanii bulfatan yookiin kad...

wadala ma.
GAO

korma harree; dhaltuu dhiiseeti wadalatti midhaan fe'ate. 2. nafa kan qabu, furdaa; Namicha wadala s...

wadaroo ma.
GAO

fowaa waan adda addaa irraa qophaawu; Wadaroo migiraatiin hoolaa hidhe.

waddeessa ma.
GAO

maqaa mukaa.

wadhakkaa
GAO

"walakkaa" ilaalaa.

waga 1 ad.
GAO

waan dhowwaa; Garbuu waga qabu asheeta agatu.

waga 2 ma.
GAO

kadhaa daara nama dura afanii kadhatan.

waga'a ma.
GAO

dhangala'aa humnaan afaan bansiisanii obaasa.

Sponsors