Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
waama ma.
GAO

koottaa jecha.

waamamuu go.
GAO

ergaan koottu jedhu nama gawuu.

waamicha ma.
GAO

koottu jecha. 2. dhaamsa sirna nyaataafi dhugaatii irratti akka argamaniif nama gawu; Waamicha dhaqe...

waammachuu go.
GAO

anaaf koottu jechuu, ana qarqaari jechuu; Obboleessa waammateeti lola deeme.

waammii ma.
GAO

1. waamanii waan argatan. 2. abaarsa; Namni waammii guddisu hinkabajamu.

waamsisuu go.
GAO

akka waamu gochuu.

waamuu go.
GAO

koottu jechuu. 2. sagalee ol kaasanii itti himuu, dhageessisuu.

waanamalee ad.
GAO

waan hintaane, waan badduu.

waancaa ma.
GAO

mi'a gaafa horii irraa hojjetamu, kan ittiin waa dhugan.

waanyoo ad.
GAO

nama qabeenya namaa jibbu, inaafaa.

waanyuu go.
GAO

tolaa namaa jibbuu, inaafuu; "Odoo kan waanyu waanyu'u kan horu hora."

Waaqa 1 ma.
GAO

kan waan hunda'uume jedhamee itti amanamu, Rabbi.

Waaqa 2
GAO

"samii" ilaalaa.

waaqeffachuu go.
GAO

mijuu  godhatanii itti sagaduu, waaqa kadhachuu.

waaqessuu go.
GAO

akka waqaatti ilaalanii itti sagaduu.

waardiyyaa ma.
GAO

eegicha namni qawwee qabatee waajjira, qeyee yookiin naannoo eegu; poolisiin waardiyyaa eega. 2. nam...

waaree booda ma.
GAO

sa' aa jaha booda.

waaree dura ma.
GAO

sa'aa jaha dura.

waaree ganamaa ma.
GAO

guyyaa walakkaa dura, yeroo loon marga dheedanii elmamuudhaaf qeyeetti deebi'an.

waaressuu go.
GAO

hamma waareen gawutti turuu.

Sponsors