Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
ushaa ma.
GAO

muka qaqal'aa manatti suuqan, saagaa.

Ushaala ma.
GAO

itti cuqqaala, itti suuqa.

ushaalamuu go.
GAO

itti cuqqaalamuu, itti cuqqaalamuu, itti suuqamuu.

ushaalsisuu go.
GAO

cuqqaalsisuu.

ushaaluu go.
GAO

itti suuquu, cuqqaaluu.

ushee je.
GAO

jecha harree ittiin deemsisan, ooshee; "Ushee jennaan harreen gurra dhaabde."

usuftuu ad.
GAO

1. tan sagalee gadi qabattee dubbattu. 2. tan bakka abbaan hinjirretti waayee namaa kaaftee dubbattu...

ususa ma.
GAO

sagalee gadi qabatanii dubbacha.

ususuu go.
GAO

sagalee gadi qabatanii waa dubbachuu, sagalee xinneessanii haasa'uu.

usuu go.
GAO

cal jechuu, dubbachuu dhiisuu.

utaala ma.
GAO

wayi irra qaari'a, irra ceha.

utaalaa ad.
GAO

kan utaalcha beeku, kuruphisaa.

utaalcha
GAO

"utaala" ilaalaa.

utaalcha'uu
GAO

"utaalsisuu" ilaalaa.

utaalchoo
GAO

"utaala" ilaalaa.

utaalloo 1
GAO

"utaala" ilaalaa.

utaalloo 2
GAO

"qufaa" ilaalaa.

utaalsisuu go.
GAO

akka utaalu gochuu.

utaaltuu ad.
GAO

utaaluudhaan kan beekame yookiin beekamte.

utaaluu go.
GAO

bakka jiranii ol of haanii bakka biraatti bu'uu.

Sponsors