Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
silla'uu go.
GAO

walitti dabalanii lakkaa'uu.

sillaasisuu go.
GAO

akka silla'u gochuu.

sillikfamaa ad.
GAO

kan akka afuurri hinbaane hudhamee yookiin ukkaamamee qabame, hudhamaa.

sillikfamuu go.
GAO

akka afuurri hinbaane mormi hudhamee qabamuu, hudhamuu.

silliksiisuu go.
GAO

akka silliksu gochuu huusisuu.

silliksuu ma.
GAO

akka afuurri hinbaane morma hudhanii qaba, hudha.

sillikuu go.
GAO

akka afuurri hinbaane morma hudhanii qabuu, hudhuu.

sillim jechuu go.
GAO

hirribni xiqqoo nama fudhachuu; Isumaa sillim jedhe, hattuun karra isaa banattee horii yaafatte.

silliqa
GAO

"sallaqa" ilaalaa.

silliqamaa
GAO

"sallaqamaa" ilaalaa.

silooftuu
GAO

"siiloftuu" ilaalaa.

sima ma.
GAO

waan dhufu gammachuun itti dhaqanii fudhacha yookiin harka fuudha.

simaachuu go.
GAO

yeroo iddoo tokko ga'an gammachuudhaan fudhatamuu, harka fuudhamuu.

simabaloo 1 ma.
GAO

dubbii afaan biraatiin dubbatame afaan kaanitti (biraatti) hiika.

simabaloo 2 ad.
GAO

naaa dubbii afaan tokkoon dubbatame afaan biraatti hiiku.

simannaa
GAO

"sima" ilaalaa.

simbir butaa ma.
GAO

allaattii simbira adamsitee nyaattu.

simbir buteesaa
GAO

"simbir butaa" ilaalaa.

simbira halkanii ma.
GAO

simbira antuuta fakkaattu kan halkan malee guyyaa hinbarrifne.

simbira ma.
GAO

gosa allattii xixinnoo kan koolaan qilleensa keessa barartu.

Sponsors