Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qooduu go.
GAO

1. namaa bakka bakkatti hiruu. 2. wal caalchisuu.

qoola ma.
GAO

xiraa gogaa haaraa kan sirriitti hinsukkuumaminii.

qoolajjii ma.
GAO

gogaa loonii kan hinsukkuumamin.

qooma ma.
GAO

ajjeechaa battalaa.

qoomaa ma.
GAO

1. dhukkuba bakkumatti nama ajjeesu; Qoomaatu farda jalaa ajjeese. 2. du'a battalaa.

qoomamuu go.
GAO

battalatti ajjeefamuu.

qoommii
GAO

"qoofnii" ilaalaa.

qoomnii
GAO

"qoofnii" ilaalaa.

qoomsisuu go.
GAO

akka qoomu gochuu.

qoomuu go.
GAO

battalatti ajjeesuu.

qoonfara
GAO

"qonfora" ilaalaa.

qoonfaramuu
GAO

"qonforamuu" ilaalaa.

qoonfarroo
GAO

"qonforaa" ilaalaa.

Qoonfarsiisuu
GAO

"qonforsiisuu" ilaalaa.

qoonfartuu ad.
GAO

tan lafa qoonfartu.

Qoonfaruu
GAO

"qonforuu" ilaalaa.

qoonqoo
GAO

"qonqoo" ilaalaa.

qoonxaa
GAO

"qonxaa" ilaalaa.

qooqa ma.
GAO

1.dhooqa garaa kan beelaafi quufa mul'isu; Horii dheeda dhaabe qooqa ilaalu. 2.afaan namni dubbatu; ...

qooqaa ad.
GAO

1. qooqni keessatti kan cabe..2. beelawaa; Ameessi qooqaan aannan sirriitti hinkennu.

Sponsors