Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qofa 2 ad.
GAO

miiltoo malee, qobaa; Isa qofa waame.

qofa'a ma.
GAO

chikaalii Yookiin mismaara dhaaba, gadi rukucha; qofa'a chikaaliitu harka dhukkubse.

qofaasisuu go.
GAO

Chikaalii yookiin mismaara rukuchiisuu.

qofaatuu ad.
GAO

kan gadi rukutamee dhaabbatu.

qofoo ma.
GAO

waan qofa'amu kan akka mismaaraa yookiin Chikaalii.

qokkee ma.
GAO

holqa dhagaa yookiin mukaa kan kanniifni itti galu.  2. "kokkee" ilaala.

qola 1 ma.
GAO

gogaa mukaa, midhaanii, firee Yookiin qaama namaa irraa ka'u, luqqa'u; Madaan yoo qola godhate fawuu...

qolchuu go.
GAO

bira darbuu, bira cehu.

qollee 1
GAO

"qilee" ilaalaa.

qollee 2 ad.
GAO

kan homaa hinqabne hiyyeessa.

qolleeffachuu
GAO

"qollifachuu" ilaalaa.

qolleessuu go.
GAO

harka qulqulluutti hambisuu, hiyyoomsuu.

qollifachuu go.
GAO

jibbaan Yookiin tuffiidhaan waa ilaaluu; Hojjettuun jiruu hinqollifattu. 2. itti maxxanuu dhiisuu; I...

qollofa ma.
GAO

1. qaamagudeeda gidduu, kofa. 2. kotoosurree. 3. qaama dhiiraa keessumattuu kan hinmuramin.

qolloo ma.
GAO

1 . ayyaana tokko irraa tokkotti darbu, kan dudubbisu. 2. abdaarii.

qolomata
GAO

"salgii2" ilaalaa.

qoloo ma.
GAO

uffata dubartii, kan jirbii irraa qophaa'u, qamisii mudhiin hinshanashanamne; Qoloon baaqqee wajjiin...

qolqola ad.
GAO

homaa kan hinqabne, duwwaa; Inni mana qolqola keessa jiraata.

qolqolachuu go.
GAO

irraa falfalachuu.

qolqolamuu go.
GAO

boqqolloon falfalamee qoroqondaa irraa bawuu, falfalamuu.

Sponsors