Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qaqqajeelchuu go.
GAO

waan dabe yookiin cabe bakkatti deebisuu; Harka miidhame dhidhiibaniiti qaqqajeelchu.

qaqsiifachuu go.
GAO

abidda  yookiin aduu rukuchiifachuu.

Qaqsiisuu go.
GAO

abidda yookiin aduu rukuchiisuu.

qaquu go.
GAO

quncee muka irraa kaasuuf abiddatti karkarsuu. 2.  akka qaqaa uffatu gochuu; Ulee qaqame nidiimata.

qara 1 ma.
GAO

1 . doomaa kan hintaane; Qara billaa dhagaatti hinrigin. 2. fiixa kan qabu; Qara ulee irraa cabse.

qara 2 ad.
GAO

hagada dhamsa  (dhama) hinqabne, hoffaa; Hagadaa qara  hinnyaatin.

qara 3 ad.
GAO

waan qeentee  ta'e, morma; Qotiyyoo cimdiifi qara qaba.

qara 4 da.go.
GAO

tasumatti yookiin homaa; Waanti ati natti  himte qara anaaf  hingalu.

qara 5 ma.du.
GAO

kanaan  achi;  Qara of eegu malee waan darbeef aaruun gatii hinqabu.

qara ba'uu go.
GAO

qara  godhachuu, qarsaairratti  qara ba'e.

qara baasuu go.
GAO

qara  godhachiisuu;  Haamtuu tumee qara baase.

qara cabsuu go.
GAO

1. walitti akka hindeebinetti cabsuu, hurreessuu. 2.  garbuu sheeruu, shakashakuu,  tumuu;  Garbu...

qara cabuu go.
GAO

wal irraa gargar ba'uu, lammaffaa akka walitti hinfayyine ta'uu; Burcuqqoon qara cabe si'achi gatii ...

qara dhabuu go.
GAO

doomaa ta'uu; Dhagaraan qara dhabnaan mana umtuu geesse.

qara dhufuu go.
GAO

bakka dur jiraatan dhiisanii gara biraatti ka'uu; Namichi qeyee isaa dhiiseeti qara dhufe.

qara jiraachuu go.
GAO

biyya biraa deemanii utuu hindeeb'in achuma jiraachuu.

qara laphee ma.
GAO

1.lafee haphii bitaafi mirga laphee gidduutti argamtu. 2. bool'a harma lamaan gidduutti argamu.

qara qabaachuu go.
GAO

utuu hindoomin argamuu; Haamtuun qara qabaachuu yoo baate marga sirriitti hinhaamu.

qara'a ma.
GAO

Dubbisa kitaabaa; Qara'atu mucaa amala tolche.

qara'achuu go.
GAO

kitaaba dubbifachuu;  Jaarsi manuma taa'eeti quraana qara'ate.

Sponsors