Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qalbii godhachuu go.
GAO

yaada galfachuu, itti yaadanii hojjechuu; Mucaani akka qalbii godhatu gorsi.

qalbii hir'achuu go.
GAO

yaada dhabuu, waa irraanfachuu guddisuu.

qalbii ma.
GAO

yaada mataa yookiin humna mataa kan beekumsa qabatee yaadachuu danda'u; Namni qalbii hinqabne beella...

qalbii qiiliaachuu go.
GAO

qalbii godhachuu,  yaada galfachuu.

qalbisiisuu go.
GAO

yaada galfachiisuu;  Gorsa guddaan nama  hinqalbisiisu.

Qalbisuu go.
GAO

garaatti  qabachuu,  yaada galfachuu, itti heeduu.

qaldii
GAO

"qoosa"  ilaalaa.

qaliinsa
GAO

"maallima 2" ilaalaa.

qaljii ad.
GAO

lafa  dikee yookiin xaa'oo qabu,  lafa gabbataa; Lafti qaljiin midhaan gaarii magarsa.

qallaa 1
GAO

"qal'aa" ilaalaa.

Qallaa 2 ma.
GAO

jirbii qal'isanii harkaan foyan kan dirii yookiin maagii ta'u.

qallaa 3 ma.
GAO

furrii dhalfa keessaa bawu; Saani dhala jala geesse yookiin korma feete qallaa yaafatti.

qallaba ma.
GAO

1. nyaachuuf kan bitatan yookiin ol  keewwatan; Qallaba ijoollee qarshii dhibbaan bite. 2.mindaa ji...

qallabachuu go.
GAO

waan barbaachisu kennanii soorachuu; Tumaalessa baaqelaadhaan qallabate.

qallabamuu go.
GAO

1.qallaba argachuu. 2. nyaata sooramuu.

qallabuu go.
GAO

waan nyaatamu laachuu, kennuu, sooruu yookiin furdisuu.

qallachuu
GAO

"qal'achuu" ilaalaa.

qalladuu
GAO

"qoosuu" ilaalaa.

qallee
GAO

"qillee" ilaalaa.

qallee dhahachuu go.
GAO

kollee, qallee yookiin qillee taphachuu, buruurii jirmaan lafa irra oofanii haasa'uu.

Sponsors