Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
oota
GAO

"hoota" ilaalaa.

orahuu go.
GAO

yeroon ganama irraa gara guyyaatti deemuu, guyya'uu.

orasiisuu go.
GAO

akka guyya'u yookiin orahu gochuu.

orata ma.
GAO

guyyaa guutuu.

orbobbaawuu go.
GAO

qaamni furfuruu, dhiita godhachuu.

orbobbeessuu go.
GAO

orbobbii godhachiisuu.

orbobbii ma.
GAO

dhiita qaamaa, kan yoo waa nama dhaye namatti bawu, furfura.

orda
GAO

"horda" ilaalaa.

ordaa
GAO

"hordaa" ilaalaa.

ordofa
GAO

"hordofa" ilaalaa.

ordofamuu
GAO

"hordo famuu" ilaalaa.

ordofsiisuu
GAO

"hordofsiisuu" ilaalaa.

ordofuu
GAO

"hordofuu" ilaalaa.

orduu
GAO

"horduu" ilaalaa.

orfoo ma.
GAO

Mi'a 'aannan itti raasan, weessoo, heechoo, ro'oo.

orgee ma.
GAO

ilmoo gaalaa.

orhuu go.
GAO

miilla kaasanii fiiguu, kaachuu, iyyuu, gadooduu.

ori'a ma.
GAO

waan badeef jecha, waan hamaa arganii nama lola.

ori'uu go.
GAO

Qadiin maaliif ta'e jedhanii nama loluu, namatti dallanuu.

orihuu
GAO

"ori'uu" ilaalaa.

Sponsors