Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
obboroo
GAO

"subii" ;laalaa.

obdii
GAO

"oogdii" ilaalaa.

obo ma.
GAO

seera gadaa keessatti kutaa namni itti addaan batitti; Inni obo moo cooraa?

oboloo
GAO

"hoboloo" ilaalaa.

obomboleetti
GAO

"hobomboleetti ilaalaa.

obsuu go.
GAO

rakkoo, dhibee yookiin waan hamaa mara garaa bal'inaan danda'uu.

Odaa ma.
GAO

1.muka guddaa qilxuu fakkaatu. 2. muka aadaa, kan galmaaf dhaabbatu.

Odaa Nabee ma.
GAO

caffee Yookiin bakka Oromoon Tuulamaa waggaa dhibbaan dura seera itti tumatu, kan aanaa Bushooftuutt...

oddaa
GAO

"otuu" ilaalaa.

oddoo ma.
GAO

lafa mana duubaa kan biqiltuu gosa gosaa irra dhaabbatan.

odee
GAO

" odaa"ilaalaa.

odeefachuu go.
GAO

wayee ofii namatti himachuu, wayee ofii ormaaf ibsuu.

odeeffamuu go.
GAO

oduun ta'e namatti himamuu.

odeessa ma.
GAO

oduu dabarsa.

odeessisuu go.
GAO

akka bdeessu gochuu.

odeessituu ad.
GAO

nama dubbii marmaarsitu, kuttuu.

odeessuu go.
GAO

oduu himuu, haasa'uu.

odelee ad.
GAO

nama hamaa namaa odeessu.

odolcha ad.
GAO

farda bifa adiifi gurraacha makaa qabu.

odolee ad.
GAO

1. kan bifti adiifi gurraacha makaa. 2. sa'a bifa adiifi gurraachaa.

Sponsors