Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
mukuu baasuu go.
GAO

kophaa ta'uun akka itti hindhaga'amne haasofsiisuu.

mukuu ma.
GAO

nama waliin dubbatan dhabiisaan kophummaa namatti dhaga'amu.

mul'achuu go.
GAO

dhoksaa eessaa ifatti bawuu.

mul'ifachuu go.
GAO

yaada ofii yookiin waan ofii agarsiifachuu.

mul'ina ma.
GAO

ijatti argamiinsa; Hindhoksiiniitii mul'inatti hojjedhu.

mullii
GAO

"mudhii" ilaalaa.

mulluu ma.
GAO

midhaan callaa kan akka boqqolloo, w.k.f. nyaataaf affeelamu.

Muluqachuu
GAO

"muluqfachuu" ilaalaa.

muluqfachuu go.
GAO

waan qola keessa jiru qola irraa kaasanii baasuu.

muluqsuu go.
GAO

akka muluqu gochuu.

muluquu go.
GAO

qola keessaa luqqa'e bawuu; Euna jiidhaa harkaan muluqsee qola irraa baase.

mummmicha ma.
GAO

duree kan ta'e, duree bulchaa, duree hayyootaa.

munnee ma.(qaanii)
GAO

qaawwa mar'immaanii nyaanni cuunfame keessaan bawu, waanti hagamu kan keessaan bawu.

munyuuqa ma.
GAO

deemsa suutaa, kan deemsa rammoo fakkaatu.

munyuuqaa ma.
GAO

bineensa akka raammoo, tafkii, geergoo kan lafa irra munyuuqu.

munyuuquu go.
GAO

suuta deemuu yookiin akka raammootti deemuu.

mura ma.
GAO

gargar baasa, gargar kutiinsa, madeessa.

muraa 1 ad.
GAO

kan muru yookiin kan murame; Muraa foonii qarshii hedduun bite.

muraa 2 ma.
GAO

hantuuta daggalaa.

muraa 3 ma.
GAO

waan muramu muriinsa; Muraa mishingaa dhaqe.

Sponsors