Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
mujjaa
GAO

"muujjaa"  ilaalaa.

mujuja ma.
GAO

guddina dhabanii haadhuma isaa gadi adeemsa; Dhukkuba qabamoo maaliif gadi mujujaa?

mujujjuu ad.
GAO

tan dawwoofte, tan ol hinguddanne.

mujujuu go.
GAO

dawwinni namatti dhagahamuu, of dadhabuu.

mujulee ma.
GAO

biqiltuu  daggalatti magartu, buqulii.

muka abbaa ma.
GAO

muka abbootiin durii akka galmaatti itti fayyadaman, Odaa.

muka foonii ma.
GAO

muka damee baay'ee qabu kan foon itti fannisan.

muka kollee ma.
GAO

muka yookiin ulee qillee ittiin lafa irra dhahanii taphatan.

muka ma.
GAO

biqiltuu  lafaa margu, kan dagaagu; Lafti muka hinqabne rooba yookiin bishaan hinqabaatu.

muka mooyyee ma.
GAO

muka mooyyee keessatti midhaan yookiin waan biraa ittiin tuman.

muka muka ad.
GAO

kan wal hinfakkaanne, adda adda, gosa gosa, laga laga, qomoo qomoo; "Qunceen muka muka irraa quncisa...

muka muka jechuu go.
GAO

camii dhabuu, mi'aawa dhabuu; Utaallootu na qabuuf fakkaataa, midhaan kun muka muka natti jedha.

muka qallee
GAO

"muka kollee" ilaalaa.

muka qollee ma.
GAO

muka arbiin shammaanee ittiin fannifamu.

muka qottoo ma.
GAO

muka mataa hokkoo kan qottoo itti kaa'anii waa ittiin muran yookiin falaxan.

muka tumaa ma.
GAO

muka yookiin ilmoo mooyyee.

muka urgaa ma.
GAO

masanyii mukaa kan yoo abiddaan guban foolii namatti tolu kennu, qayya, qoraasuma.

mukaaf baala butuu go.
GAO

dubbii ija hinqabne dubbachuu; Dubbiin si harkaa ceetee akkasumaan mukaaf baala hinbutin.

mukuk jechuu go.
GAO

garmalee bilchaachu; Mulluun mukuk jedheeti bilchaate.

mukukkula ma.
GAO

1. qoraan gartokkeen boba'ee giimii abiddaa qabu, gumachuu gubatee hindhumiin. kan abidda qabu. 2. n...

Sponsors