Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
maramaa ad.
GAO

kan walitti marame.

maramaara ma.
GAO

yeroo baay'ee itti deddeebi'a.

maramarsiisuu go.
GAO

akka marammaru gocnuu.

maramaruu go.
GAO

1. hakiimiin dhukkuba namaa qoree ilaaluu. 2. poolisiin dubbii dhoksaa qorachuu.

marammare go.
GAO

1. hakiimiidhaan ilaalamuu. 2. sakatta'amee ilaalamuu; Poolisiin nafa isaa marammare.

marcummee
GAO

"shaxee 2" ilaalaa.

mardaasaa ma.
GAO

1. shaashii dur bareedaa irraa hojjetamu. 2 maqaa namaa.

mardee ma.
GAO

dhibee cimaa nama irraa namatti darbu, maariyyee, maaritee.

maree
GAO

"marii 1" ilaalaa.

marfamuu
GAO

"marsamuu" ilaalaa.

marfata
GAO

"marsa" ilaalaa.

marfatamuu
GAO

"marsamuu" ilaala.

marfii ma.
GAO

meeshaa lolaa yookiin waraanaa, kan rasaas guddaa dhukaasu.

marga ma.
GAO

biqiltuu fuula lafaa uwwiftu, kan baalli qaqalloo, kan horiin dheeddu.

margaa ad.
GAO

1. hojja qabeessa, dheeraa. 2 kan lafaa ol biqilu.

margii
GAO

"margaa" ilaalaa.

margisiisuu go.
GAO

akka margu, lalisu gochuu.

margoo ad.
GAO

hojjaa kan qabu, bayii.

Marguu go.
GAO

1. margi biqiluu. 2 guddachuu yookiin dheerina dabalachuu.

mari'achiisaa ad.
GAO

kan marii kennu, nama gorsa namaa kennu, danda'u.

Sponsors