Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
labobaa 1 ma.
GAO

1.baal'ee allaattii. 2.rifeensa qarqara ijaa irratti margu.

labobaa 2 ma.
GAO

lafa mukaa; Gaattiraan roobaan.labobaa godhata.

labooba ma.
GAO

arraba abidda boba'uu; Labooba abiddaatu harka na gube.

labsiima.
GAO

1.iyya; Labsiin galgalaa maal turee? 2. seera mootummaa biraa bayee uummanni ittiin bulu; Labsiin la...

labsuu go.
GAO

1 . labsii ageessisuu yookiin dabarsuu. 2. joorsuu; Maaliif oliif gadi na labsitee? 3.dubbii olii ga...

labumsa
GAO

"laba" ilaalaa.

labuu 1 go.
GAO

dhimma yookiin haajaa malee olii gadi jooruu, dhaabbiifi teessuma dhabuu.

labuu 2 ma.
GAO

daggala qoraattiifi narangamaa qabu.

laca gochuu go.
GAO

asiifi achi omroquu; Mudhiin isee akka mul 'atuuf laca godhaa deemti.

laccee ad.
GAO

1. dheeraa qal'aa yookiin dheertuu qal'oo, hojja qabeessa yookiin hojja qabeettii. 2. daa'ima dhiwoo...

lacellee ad.
GAO

bu'aa yookiin taayidaa kan hinqabne; Daara lacellee hinqabne hinbitin.

lachanuu ad.
GAO

Lama wal duukaa, lamaanuu; Qamisiin lachanuu kiyya.

lachiifachuu go.
GAO

akka lata baafatuuf sooruu yookiin lata isaa utuu irraa hincabsin turuu; Caatii lachiifachuu.

lachiisuu go.
GAO

akka lata baasu gochuu.

lachinuu
GAO

"lachanuu" ilaalaa.

lachuu
GAO

"lachanuu" ilaalaa.

ladda'a
GAO

"laddaya" ilaalaa.

laddafa ma.
GAO

keessa waan tokkoo kan harki yookiin waan biraa gayee deebi'u.

laddaya ma.
GAO

nafa namaa isa luqqeettuu olitti argamu.

ladii ma.
GAO

gosa mukaa.

Sponsors