Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
Kakuu Moofaa ma.
GAO

kutaa macaafa qulqulluu isa duraa, kan seera uumamaatii jalqabee hamma raajii Milkiyaasitti jiru.

kal'ee ma.
GAO

gogaa yookiin erbee hoolaa yookiin re'ee.

kalaabsuu
GAO

"kalaamsuu" ilaalaa.

kalaada
GAO

"kalaadii 2" ilaalaa.

kalaadii 1 ma.
GAO

horii (hundumaa) . kan garaan jalli adii.

kalaadii 2 ma.
GAO

ilkaan karkarroo yookiin booyyee kan cinaa yookiin bukkee lamaan gadi bayee mul'atu.

kalaalaa ma.
GAO

hidda lafa irra loowu, kan gumaan isaa gumaa geeshoo fakkaatu.

kalaamsuu ad.
GAO

kan agartuu jal'ate, kalaabsuu, kalaaphsuu; Namni ija kalaamsuu yammuu nama ilaalu waan bakka biraa ...

kalaaphsuu
GAO

"kalaamsuu" ilaalaa.

kalachuu go.
GAO

kaloo godhachuu, akka lafti maruuf dallaa irratti ijaaruu; Lafa loon dheedu kalachuu.

kalamuu go.
GAO

akka margi marguuf dallaan itti ijaaramuu; Horiin akka marga argatuuf latti kalamuufiitu irra jira.

kalaquu
GAO

"uumuu" ilaalaa.

kalee 2
GAO

"kaleessa" ilaalaa.

kalee 2 ma.
GAO

mi'a garaa, kan fincaan gara afuuffaatti dabarsu.

kalee 3 ma.
GAO

1. re'ee yookiin reettii; Kalee kana raatuu irraa achi oofi. 2.sagalee re'een akka deebituuf yookiin...

kaleecha
GAO

"kaleessa" ilaalaa.

kaleessa da.go.
GAO

guyyaa har'aan dura darbe, kaleecha; Har'i Jimaata guyyaa kaleessaa ammoo Kamisa.

kaleessuu go.
GAO

waan achi fagoo jiru as dhiyeessuu; Achi fageessitee hinkaa'in, natti kaleessi.

kalkal jechuu go.
GAO

akka malee, lubbuun na aa bawutti asifi achi kaatanii waa hojjechuu; Akka kalkal Jettee hojettuuf si...

kallacha ma.
GAO

waan seera gadaa keessatti baay'ee safeeffata ta'u, kan akka mallattoo ittiin bulmaataatti dhimma it...

Sponsors