Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
ija irraa hafuu go.
GAO

hamaa irraa ooluu, hamaa jalaa bawuu.

ija jabeessa
GAO

"ija hinfuunee" ilaalaa.

ija jabeettii
GAO

"ija hinfuunee" ilaalaa.

ija kaasuu go.
GAO

1. dhagaan caalanii mul'achuu. 2. gabaa argachuu. 3.guddachuu.

ija kuulaa ad.
GAO

tan ija keessa bareedduu.

ija laafaa ad.
GAO

kan ija namaa hinbaanne;Ija laafessi waan garaa dubbatee hinbaasu.

ija laafettii ad.
GAO

dubartii qaanii guddiftu.

ija midhaanii
GAO

"ija" ilaalaa

ija mukaa ma.
GAO

1. firee yookiin buusaa mukaa. 2. ijoo, iddoo damee, mukaa itti margu.

ija nyaachuu go.
GAO

qaanii dhabuu, addaggee ta'uu.

ija qersuu go.
GAO

1. ija xiqqeessanii bananii nama ilaaluu. 2. ija tuffiin nama ilaaluu.

ija qisuu
GAO

"ija qersuu" ilaaiaa.

ijaa baduu go.
GAO

1. ballaa ta'uu. 2. yeelloo dhabuun nyaara haaddachuu.

ijaan dubbachuu go.
GAO

waan ta'e ijaan himuu.

ijaan hatuu go.
GAO

ija dhoksaatiin nama ilaaluu.

ijaaramaa ad.
GAO

1. kan ijaarame. 2. kan haala gaariin gurmaa'e.

ijaaramuu go.
GAO

manni, dallaan, w.k.f. tolfamuu.

ijaarrachuu go.
GAO

1. dallaa,mana, w.k.f. tolfachuu, qopheeffachuu. 2. waan ta'e dhaabuu; Koree barumsa qubee ijaarrata...

ijaarrannaa ma.
GAO

waan akka manaa tolfacha.

ijaarsa
GAO

"ijaara" ilaalaa.

Sponsors