Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
huumamuu go.
GAO

gara jiraachuutti dhufuu, huumamaa ta'u.

huummacha ma.
GAO

boqoo (afaan) guutanii nyaacha, afaanittiti cuqqaallacha.

huummachuu 1
GAO

boqoo(afaan) guutanii nyaachuu.

huummata ma.
GAO

namoota baay'ee, uummata, saba.

huummatee ma.
GAO

maqaa dur hojjettuun mana namaa ittiin aamamtu, garbittii.

huummoo ma.
GAO

gosa allaattii, kan bifti isaa gurraacha morma dhedheeraa, kan huuruu dheeratu, yeroo baay'ee,lama t...

huumuu go.
GAO

waan duraan hinjirre  akka jiraatu gochuu, uumuu, dhalchuu, akka jiraatu taaeisuu.

huuqqachuu go.
GAO

furdina yookiin foon qaamaa dhabuu, namati qal'achuu; Namicha kana dhibeetu huqqise.

huuqqataa ad.
GAO

kan foon hinqabne, gal'aa. kan furdina hinqabne.

huuqqattuu ad.
GAO

tan furdina yoqkiin foon hinqabne.

huuqqina ma.
GAO

huqqataa yookiin huuqqattuu ta'iisa.

huuqqisuu go.
GAO

akka huqqatu gochuu.

huuqqoo
GAO

"huuqqataa" ilaalaa.

huursa ma.
GAO

sagalee guddaa gurratti ulfaatu.

huursaa 1 ad.
GAO

kan huursu; Bokkaa huursaa jalaa baqadhu.

huursaa 2 ma.
GAO

bishaan qilee irraa dhangala'u, fincaa'aa.

huursuu go.
GAO

1. roobni hammaatee roobu yookiin lagni guutee yaa'u sagalee dhageessiisuu. 2. baay'atanii, wal ga'a...

huuruu ma.
GAO

funyaaniifi qaawa kan laagaatti dhaabbatu; Nyaanni huuruu see eeti fe'ame.

huusisa ma.
GAO

akka hudhu gocha.

huusisuu go.
GAO

morma qabee akka afuura hinbaafanne goosisuu, akka hudhu gochu.

Sponsors