Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
hinjifata
GAO

"injifata" ilaalaa.

hinjijii
GAO

"injijii" ilaalaa.

hinqirfachuu go.
GAO

sagalee yookiin afuura kutanii kutanii baasuu, hiq hiq jechuu.

hinqirfoo
GAO

"hinqirfuu" ilaalaa.

hinqirfuu ma.
GAO

waan nama hinqirfachiisuu.

hintala
GAO

"intala"ilaalaa.

hiphifachuu go.
GAO

taba hibboo jedhamu tabachuu.

hiphoo
GAO

"hiibboo" ilaalaa.

hiq jechuu
GAO

"hinqirfachuu" ilaalaa.

hiqama ma.
GAO

waraqaa ragaa, eennummessa (eenyummeessa).

hir'achuu go.
GAO

guutuu ta'uu hafuu, xiqqaachuu.

hir'ina ma.
GAO

guutuu ta'uu hafa,hanqina.

hir'is go.
GAO

irra xiqqeessuu, hir'uu taasisuu.

hir'isa ma.
GAO

irraa hammaaranii yookiin dhangalaasanii xinneessa, hir'uu taasisa.

hir'uu ad.
GAO

guutuu kan hinta'in, hanquu; Naa guutu malee ani hir'uu hindhugu.

hira ma.
GAO

1.gargar qooda, qooda abbaa abbaa kenna. 2.gargar baasa.

hirachuu go.
GAO

gargar qoodachuu.

hirama
GAO

"hira" ilaalaa.

hiramaa ma.
GAO

1.wanti namaa qoodame kennama. 2. waan hirame, qooda.

hirata ma.
GAO

qooda ofii fudhacha.

Sponsors