Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
halletti da.go.
GAO

kan ta'es ta'u, waan fedheyyuu ta'u, kamiifuu; Hallettuu dhufuun koo hin ooluu manatti na eegi.

halluu ad.
GAO

waan hedduu kan ta'e, hundumaa; Waan hallee beekuun bayeessa.

haluu ma.
GAO

waan aadaa keessa hinjirre erga hojjetanii kan namatti dhagahamu, saalfa, leeyyoo, yeelloo...

haluu qaba ma.
GAO

qaanii qaba saalfacha; Durba Oromoof heerumanii guyyaa shanitti bawuun haluu qaba.

halyaa
GAO

"halayaa" ilaalaa.

hama
GAO

"hamii" ilaalaa.

hamaa ad.
GAO

1.kan gaarii hinta'iin, badaa. 2. hurjja qabeessa, jabaa; Fardi kee hamaadha.

hamaa gaaguraa
GAO

bineensa gaagura keessaa nyaatu.

hamaa qixa ma.
GAO

marga horii garaa bokoksu, siddisa.

hamaamota ma.
GAO

nama fuudha faana kan deeman; Hamaamota misirroowwan dura malkaa hinceyan.

hamadaaya ma.
GAO

qorra ganamaa.

hamadeessa
GAO

"hamadaaya" ilaalaa.

hamajaajjii ad.
GAO

kan hammee qabu, diina, nyaapha.

hamalchiisuu go.
GAO

waan ta'e dharraasisuu, hawwisiisu

hamara ma.
GAO

allaatti simbira bittala buusee butu, simbira butaa.

hamartii ma.
GAO

sibiila akka kan mormatti yookiin gurra keewwatan, amartii.

hamata
GAO

"hamii" ilaalaa.

hamatammuu go.
GAO

ofitti qabamuu, ofitti hirkifamuu, of irra kaawaaruu.

hamatamuu go.
GAO

waayeen nama bakkee abbaan hin jirretti hamaadhaan ka'uu, yookiin dubbatamuu.

hamma da. go.
GAO

waan ta'e itti deebi'anii gochuu kan agarsiisu, ammaa.

Sponsors