Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
hakkamsiisuu go.
GAO

akka hakkamatu gochuu, waldhaansisuu.

hakkamuu go.
GAO

dhibeen akka dhiisu yookiin akka itti wayyaawu qorichaan waldhaanuu, yaaluu.

hakkifachuu go.
GAO

aak jedhanii hakkii baafachuu.

hakkii ma.
GAO

furrii qoonqoo keessaa ol guurani tufan.

hakkisa ma.
GAO

waan qoonqoo keessaa ol baasanii tufan. 2. akkaataa hakkii baasan.

hakkisuu go.
GAO

aak jechuu.

hakkoo
GAO

"akkoo" ilaalaa.

halalchiisuu go.
GAO

akka halalee ta'u gochuu, halalee taasisuu.

halalummaa ma.
GAO

halalee ta'iisa.

halaluu go.
GAO

odoo wal hinfuudhiin waliiri rafuu; Namni takkaa halaluu qabe bultii hingodhatu.

halangaa
GAO

"alangaa" ilaalaa.

halangee
GAO

"alangaa" ilaalaa.

halayaa buusuu go.
GAO

1.qileetti gatuu, hallayyaa buusuu. 2. karaa irraa balleessuu, waan hintaane goosisuu.

halayaa ma.
GAO

boqonqa keessi baay'ee gadi fagaatu, hallayyaa,qilee, fododa.

halbee ma.
GAO

1.sibiila wayiin muran, billaa, kaarraa. 2. "haamtuu2" ilaalaa.

haleela ma.
GAO

1. harkaan yookiin uleen rukucha, rukuchaan huba yookiin miidha. 2. waan ta'e akka garaa ofiitti jab...

haleelchisuu go.
GAO

akka haleelu gochuu.

haleellachuu go.
GAO

amma hawwii ofii godhachuu.

haleellii
GAO

"haleela" ilaalaa.

haleeluu 1 go.
GAO

1.uleen yookiin harkaan siriitti gobuu, rukutuu,hubuu. 2. waan ta'e sirriitti hojjechuu.

Sponsors