Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
dhiphachuu go.
GAO

bal'ina dhabuu. 2. namaaf jecha rakkachuu; Halagaadhaaf hammas dhiphachuu hinbarbaachisu.

dhiphina ma.
GAO

bal'ina dhabinsa. 2. cinqii.

dhiphisuu go.
GAO

1. bal'ina dhabsiisuu. 2. garaatti rakkina uumuu; Yeroo malee mana obboleessaa deemeeti dhiphise.

dhiphoo ad.
GAO

dhiphina tan qabdu. 2. halagaa tan hinjaallanne.

dhiqaa ad.
GAO

kan dhiquudhaan irraa bawu; Dhiqaa okolee saree obaase. 2. bu'aa nagada shishifii irraa argamu; Birr...

dhiqachiisuu go.
GAO

akka dhiqatu gochuu.

dhiqachuu go.
GAO

waan (mi'a) ofii yookiin dhaqna ofii bishaaniin qulqulleeffachuu.

dhiqamaa ad.
GAO

1. lafa bishaan bokkaatiin lolla'ame. 2. mi'a bishaaniin qulqullaa'e.

dhiqamuu go.
GAO

xuriin dhaqna irraa yookiin miini nyaataafi dhugaatii qulqullaa'uu. 2. irri keessi waan tokkoo bisha...

dhiquu go.
GAO

waan ta'e bishaaniin xurii irraa baasuu.

dhirsa ma.
GAO

dhiira dubartiin (dubarri) itti heerumte, abbaa manaa, abbaa warraa.

dhirsa misirroo ma.
GAO

dhiira dhiwoo fuudhe.

dhisamuu go.
GAO

gogaan mismaaraan yookiin chikaalaan qabsiifamee diriirfamuu. 2. akka malee kooruu, of tuuluu.

dhisuu go.
GAO

gogaa diriirsanii fiixee fiixee wayiin qabsiisuu.

dhiyaa
GAO

"dhi'aana" ilaalaa.

dhiyoo ma.
GAO

1. bakka fageenya hinqabne. 2. guyyaa yookiin yeroo gabaabaatti.

dhiyuu
GAO

"dhi'uu" ilaalaa.

dho'a
GAO

"dhoha" ilaalaa.

dho'aa
GAO

"dhohaa" ilaalaa.

dho'uu
GAO

"dhohuu" ilaalaa.

Sponsors