Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
dhiirummaa ma.
GAO

dhiira tii'sa. 2. onnee qabaacha. 3. qaama hormaata dhiiraa.

dhiisifachuu go.
GAO

hamma aduun dhiitutti yookiin lixxutti yookiin hamma galgalaawutti turuu; As tureen aduu dhiisifachu...

Dhiisisuu 1 go.
GAO

akka dhiisu gochuu.

dhiisisuu 2
GAO

"dhiisifachuu" ilaalaa.

dhiisuu go.
GAO

waan kanaan uura hojjetaa yookiin yaadaa turan dhaabuu.

dhiita ma.
GAO

bokoka yookiin furfura gogaa namaa yookiin horii kan dhibee yookiin miidhama irraa dhufu; Dhiiti yer...

dhiita'uu go.
GAO

dhiita godhachuu yookiin dhiita ta'uu.

Dhiita’aa ad.
GAO

kan dhiita'e.

dhiitaa 1 ad.
GAO

kan dhiitu.

dhiitaa 2 ma.
GAO

fowaa yookiin teepha qonyeefi gindii walitti hidhu.

dhiitachuu go.
GAO

1. miilla ofiitiin wayi ofiif dhiituu. 2. miilli wawarraaquu; Saani yammuu miilla gaadi'an nidhiitat...

dhiitamuu go.
GAO

1. miillaan dhayamuu yookiin tumamuu; Hunda irra Kopheedhaan dhiitamuun nama 'aarsa. 2. gadi qabamuu...

dhiiticha
GAO

1. "dhiita" ilaalaa. 2. miillaan lafa yookiin waan biraa rukutta yookiin tumiinsa; Gurbaa, dhiiticha...

dhiitichoo
GAO

"dhiiticha" ilaalaa.

dhiitoo
GAO

"dhiita" ilaalaa.

dhiitoo qorsaa ma.
GAO

dhiitoo qorra irraa dhufa jedhamee amanamu.

dhiituu go.
GAO

miillaan rukutuu yookiin tumuu.

dhikdhik jechuu go.
GAO

Hiddi dhaqnaa dha'achuu; Sammuun mataa dhikdhik jedha.

dhilbee ad.
GAO

farda yookiin qotiyyoo leenjisa dide. 2. nama hojii hinjaallanne.

dhimbiibaa ma.
GAO

mi'a akka gingilchaa kan waan jiidhaa akka bukoo ittiin waan hinbarbaadamne keessaa qulqulleessan.

Sponsors