Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
booldha
GAO

"boolla" ilaalaa.

Boolee 1 ma.
GAO

biyyee daalacha soogiddummaa qabu kan horiin nyaatu, boojjii.

Boolee 1 ma.
GAO

biyyee daalacha soogiddummaa qabu kan horiin nyaatu, boojjii.

Boolee 2 ma.
GAO

Buufata xiyyaaraa internaashinaalaa kan Finfinnee keessatti argamu.

Boolee 2 ma.
GAO

Buufata xiyyaaraa internaashinaalaa kan Finfinnee keessatti argamu.

boolii
GAO

"udaan" ilaalaa.

boolla ma.
GAO

lafa yookiin waan keessi gadi qotame, kan keessi gadi dhooqate.

boolla ma.
GAO

lafa yookiin waan keessi gadi qotame, kan keessi gadi dhooqate.

boollawuu go.
GAO

boolla ta'uu, gadi dhooquu.

boollawuu go.
GAO

boolla ta'uu, gadi dhooquu.

boolleffachuu go.
GAO

boolla taasifachuu.

boolleffachuu go.
GAO

boolla taasifachuu.

boollessiisuu go.
GAO

akka boollessu gochuu.

boollessiisuu go.
GAO

akka boollessu gochuu.

boollessuu go.
GAO

boolla qotuu,holqeessuu, dhooqsuu.

boollessuu go.
GAO

boolla qotuu,holqeessuu, dhooqsuu.

boolloo
GAO

"boolla” ilaalaa.

boomba'aa ad.
GAO

iyyeessa waan tokko hinqabne.

boomba'aa ad.
GAO

iyyeessa waan tokko hinqabne.

boombaa ma.
GAO

sibiila qaldhaa dheeraa keessi qaawwaa, kan dhangala'aan keessa yaa'u, ujummoo.

Sponsors