Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
226 Jechoota
xiillaa ma.
GAO

bishaan ciisaa keessi isaa gadi fagaatu, garba; Xiillaan daaka jettee akka hinliqimfamne.

xiilloo ad.
GAO

bifa gurraachaafi adiin wal maku; Sa'a xiilloo.

xiinxaluu go.
GAO

hubatanii ilaaluu.

xiiqii ma.
GAO

hojii dhowwaa yookiin diddaa namatti agarsiisuuf jedhanii hojjetan; Xiiqiidhaa jettee waan hinbarbaa...

xilaa ma.
GAO

mi'a sibiilaafi carqii irraa qophaayu, kan of irra qabanii bokkaafi aduu of irraa ittiin dhowwan, di...

xilfii ma.
GAO

hodhaa bifa adda addaa, kan bareedinaaf jecha carqii irratti goodani.

xillifamuu go.
GAO

jabeeffamee hidhamuu.

xillisiisuu go.
GAO

akka jabeessee hidhu gochuu.

xillisuu go.
GAO

1. jabeessanii hidhuu. 2.cimsanii miilaan dhiituu; Arrabsinaani aaree hudduu isaa keessa xillise.

xiloo ma.
GAO

muka qal'aa fiixee qaranii gomboo (geengoo)ittiin taphatan.

xilsiisuu go.
GAO

akka xilu yookiin qaru gochuu.

xiluu go.
GAO

muka yookiin waan akkasii qara itti baasuu, qaruu.

ximbiriiruu go.
GAO

utuu wal irraa hinkutin ariitiidhaan fiiguu. 2. quufanii burraaquu.

ximqata ma.
GAO

ayyaana kiristaanonni Ortodoksii akka Habashaatti Amajjii gaafa bultii kudha tokkoffaa kabajan.

xindii ad.
GAO

waan lama kan akka walii, fakkeenyaaf kophee xindii, qotiyyoo xindii, cimdii.

xinnaa
GAO

"xiqqoo" ilaalaa.

xinnaachuu
GAO

"xiqqaachuu" ilaalaa.

xinneeffamuu
GAO

"xiqqeeffamuu" ilaalaa.

xinneenya
GAO

"xiqqeenya" ilaalaa.

xinneessuu
GAO

"xiqqeessuu" ilaalaa.

Sponsors