Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
226 Jechoota
xaarsisuu
GAO

"xaarsuu" ilaalaa.

xaartuu ad.
GAO

dubartii bultii ishiitiit boqonnaa malee baay'ee dhamaatu, ifaajituu.

xaaruu go.
GAO

odoo boqonnaa hinfudhatin olii gadi kaatanii yeroo dheeraaf hojjechuu, dhama'uu, ifaajuu.

xaasaa ma.
GAO

qorqorroo waan akka dhangala'aa ittiin budduksan, safaran.

xaaxa'oo ma.
GAO

1. sagalee mukukkulli yeroo itti afarsan dhageessisu. 2. oduu guddisa, waca.

xaaxaa ma.
GAO

haala rakkina adda addaatiin guutame, kan keessaa bawuun nama dhibu, dhiphina, cinqu..

xaaxaatee 1 ma.
GAO

sibiila o'isanii nafa namaa hakkee nama dhukkubu ittiin guban, diimessaa.

xaaxaatee 2
GAO

"xaaxoftuu" ilaalaa.

xaaxee 1 ma.
GAO

dhibee waraansaa yaokiin bowwoo kan sibiila o'isanii bakkee nama dhukkubu guban.

xaaxee 2 ma.
GAO

midhaan callaa o'a abiddaatiin xaaxa'e; Akaayii keessaa xaaxee naaf funaani.

xaaxeffachuu go.
GAO

xaaxaateedhaan bakkee nama dhukkubu gubuu.

xaaxessaa
GAO

"xaaxaatee 1" ilaalaa.

Xaaxessaa 2 ma.
GAO

maqaa mukaa kan yeroo abiddatti kaayan xaaxa'u.

xaaxoftuu ad.
GAO

1 . yoo bowwoo yookiin waraansi nama qabe xaaxeateedhaan o'ifachuu Yookiin gubachuu. 2. akka xaaxa'u...

xab gochuu go.
GAO

odoo tokkollee hinhambisin fixuu. 2. dhangala'aa xiqqeessanii buusuu. 3. waan itti akeekkatan rukutu...

xaba
GAO

"tapha" ilaalaa.

xabaqaa
GAO

'abukaattoo" ilaalaa.

xabarrarsuu go.
GAO

akka xabarraru gochuu. iitii godhachuuf humnaan fuudhuu.

xabarraruu go.
GAO

hara malee oo'uu yookiin goguu, habararuu.

xachiisuu
GAO

"xaxchiisuu" ilaalaa.

Sponsors