Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
365 Jechoota
waca.ma.
GAO

wal dhaggeeffacha dhabanii walitti iyya; Hachaayaan waca guddisa.

waccisiisuu go.
GAO

akka wacu (waccu) gochuu.

waccisuu go.
GAO

walitti iyyisiisuu, wal dhaggeeffachuu dhabsiisuu.

waccuu 1 ma.
GAO

uffata, wayyaa.

waccuu 2 ad.
GAO

nama wacu, kan waca baay'isu.

waciitii ma.
GAO

mi'a suphee kan waan akka marqaa itti baafatan; Baaduu waciitiitti buufatee dhuge.

wacuu go.
GAO

utuu dubbatanii walitti iyyuu, wal dhaggeeffachuu dhiisuu; Oggaa isaan wacan Inni manaa baye.

wadaaja ma.
GAO

hiriyaa garaa kan waan garaa itti himatan. 2. ayyaana dhibaayyuu qopheeffatanii bulfatan yookiin kad...

wadala ma.
GAO

korma harree; dhaltuu dhiiseeti wadalatti midhaan fe'ate. 2. nafa kan qabu, furdaa; Namicha wadala s...

wadaroo ma.
GAO

fowaa waan adda addaa irraa qophaawu; Wadaroo migiraatiin hoolaa hidhe.

waddeessa ma.
GAO

maqaa mukaa.

wadhakkaa
GAO

"walakkaa" ilaalaa.

waga 1 ad.
GAO

waan dhowwaa; Garbuu waga qabu asheeta agatu.

waga 2 ma.
GAO

kadhaa daara nama dura afanii kadhatan.

waga'a ma.
GAO

dhangala'aa humnaan afaan bansiisanii obaasa.

waga'amuu go.
GAO

Humnaan obaafamuu; Mucaan harma hodhuu dinnaan aannan waga'ame.

wagamuu go.
GAO

guddaa yookiin baay'ee kadhatamuu.

wagara ma.
GAO

gosa mukaa.

wagaree ma.
GAO

mishingaa gammoojjii.

wagasisuu go.
GAO

akka waga'u gochuu.

Sponsors