Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
219 Jechoota
ungulaala ma.
GAO

midhaan huuba qabu keessaa huubni akka bawu meeshaa diriiraatti naqanii irra naannessa.

Ungulaalaa ad.
GAO

kan ungulaalu.

ungulaalchisuu go.
GAO

akka ungulaalu gochuu.

ungulaallachuu go.
GAO

midhaan huubaan,makaa ungulaalanii huuba keessaa baafachuu.

ungulaaluu go.
GAO

midhaan (yeroo baay'ee) gundootti naqanii akka huubni isaa keessaa bawu olii gadi naannessuu.

unkuchiisuu go.
GAO

Unkutoo akka qopheessu gochuu.

unkuf gochuu go.
GAO

gar malee caccabsuu.

unkura ma.
GAO

1. ashaaroo basseeffame eelee irratti wayin garagalchanii bilcheessa. 2. nagaa dhowwa.

unkurachuu go.
GAO

unkuroo qophe ffachuu.

unkuramaa ad.
GAO

kan unkuroo ta'e. 2. kan waliin dhayame yookiin makame.

Unkuramuu go.
GAO

1. unkuroo ta'uu. 2. nagaa dhabanii asiifi achi raafachiisuu.

unkuroo ma.
GAO

ashaaroo basseeffamee bilchaate.

unkursiisuu go.
GAO

akka unkuramu gochuu.

Unkurtuu ad.
GAO

dubartii unkuroo qopheessitu. 2. dubartii nama walitti naqxu.

unkuruu go.
GAO

unkuroo qopheessuu. 2. nagaa dhowwuu, nama walitti naquu, wal dhabsiisuu.

unkuta 1 ma.
GAO

waan ta'e caccabsanii hurreessa.

unkuta 2 ma.
GAO

midhaan akka qamadii, ataraa, shumburaa, w.k.f., galabaa isaa -wajjin waxalama.

unkutaa'aa ad.
GAO

kan unkutaa'e.

unkutaa'uu go.
GAO

gar malee caccabuu.

unkutachuu go.
GAO

unkutoo qopheeffachuu.

Sponsors