Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
219 Jechoota
ududdee 1 ma.
GAO

konkolaattuu gommaa lamaa kan mootora qabdu.

ududdee 2
GAO

"urduddee" ilaalaa.

uduma
GAO

"huummacha" ilaalaa.

udumachuu
GAO

"huumrnachuu 1" ilaalaa.

udumsa
GAO

"huummacha" ilaalaa.

udumsiisuu go.
GAO

akka udumu gochuu.

uffaa
GAO

"huffaa" ilaalaa.

uffachiisuu go.
GAO

akka uffatu gochuu.

uffachuu go.
GAO

1. daara ofitti kaawuu yookiin nafa irra buufachuu.

uffata
GAO

"huccuu" ilaalaa.

Uffata halkanii
GAO

"uffata alkanii" ilaalaa.

uffata halkanii ma.
GAO

bullukkoo yookiin birdilibsii.

uffee
GAO

"huffee 1" ilaalaa.

ufi je.
GAO

afuura dheeraa yeroo dadhaban dhageessisan.

uflaalii ma.
GAO

meeshaa keessatti of argan yookiin ittiin of laalan, oflaalii, daawiitiin.

ugaamamuu
GAO

"luugamamuu" ilaalaa.

uggum din.
GAO

jecha yoo safeeffatan yookiin dinqisiifatan dhagessisan, Uggum yaa hojii Waaqaa!

Uggum jechuu go.
GAO

waan ta'e arganii yookiin dhagahanii dinqisiifachuu.

uggumuu go.
GAO

ulfina waan biraatiif qaban agarsiisuuf mataa gadi qabanii ol jechuu.

ujuba ma.
GAO

1. muka guddaa itti irreenfatan, abdaarii. 2. bakka itti nama awwaalan.

Sponsors